Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa Keessatti Qaala’iinsii Mini’aan Nyaataa Dabalaa Deemuun Himame


Faayilii - Gabaa Markaatoo, Finfinnee, Muddee 16, 2015
Faayilii - Gabaa Markaatoo, Finfinnee, Muddee 16, 2015

Gatiin mini’aan nyaataa yeroo amma Itiyoophiyaa keessa jiru daballa deemuudhaan Qaali’iinsii jireenyaa biyyatii yeroo kamiinuu caalaa dhibba keesaa haraka 23.7% akka gahuu taasisuun isaa gabasameera.. Rakkinaa kana xiqqeesuudhaaf Mootummaan warren mini’aan biyya alaati galchan akka sharafa alaa karaa baankiitin argamuuf hin rakkaneef seeraa Frankoo Vaalutaa ji’a 6 turu baasus, tarkaanfichii rakkina qaalinsa jireenyaa akka hiikuu hin dandeenyee ogeesii dinagedee himaniiru.

Gabaastuun VOA Simenyish Yeqoyyee kan haasofsitee ogeesii diinagdee Waasiihun Balay waan jedhan irraa akka hubachuun danda’ameti, rakkinichii kan umamee omishinni biyaa keessaa gudachuu dhabuu, lakkoofsii namaa garmalee dabalaa deemuu, nyaata biyya allatii bitanii galchuudhaaf rakinii sharafa alaa jiraachuu ,akkasumaas biyyatii keesaa bakka adda addaati waliti bu’iinsii jiru namii akka tasgabaa’ee omishuu hin dandeenyee garagaarsaa barbaadaa waan ta’eef akka ta’e himaniiru.

Rakkin Covid 19 fi haalii jijirama qileensaa Adduunyaa muudhachaa jirus gumaata mataa isaa akka qabu himameera.

Rakkina kana hiikuudhaafs omishinii qotiinsaa akka dabalu gochuun , waan qotiinsaaf gargaaran kan akka sanyii filatammaf xaa’oo gaha ta’e dhiheesuu fi namootan qe’ee isaanii irraa buqa’n deebisanii dhaabuu irrati akka ojjatamuu qabu ogeesi diinagdee himuu isanii gabaasin kun ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG