Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan waan Amerikaan gargaarsa doolara miliyona 100 oli yeroof irraa qabdeef qulqulleeffachuu feeti


Gargaarsii kun yeroof qabame
Gargaarsii kun yeroof qabame

Oduu himaan ministera Haajaa Alaa U.S. adoo biyyitii sadeenuu hujii tana irratti akka dansaa garaa keessa walii hin galin bisaan guutuun amanti wal irraa qaban dhowwuu taati jedhe. Masrii ,Itoophiyaa fi Suudan hujii hidhaa abbaayaatii fi bisaan laga Nile irratti bara kunrya hedduu mataan wal qabaa bahan. U.S. ganna dabre keessa marii falamaa qabdu tana faluuf itti seente.

Itoophiyaan ammoo U.S. Masrii looguu hin ooltu jettee shakkitee marii keessaa baate. Mariin tun hidhaa abbaayaa duratti deemuu dadahbuu isiitti Amerikaan guddoo yaaddofte.

Ministerii maallaqa Itoophiyaa Eyob Tekalinyi, U.S. waan Amerikaan gargaarsa kana Itoophiyaaf dhaabdee nuu qulqulleesitu feenaa jedhee VOAtti hime. Dubbiin tun ariitiin fala argatti jennee abdannaa Eyob..

“US waan kana qalbiin waan laalte hin sehu maan jennaan hariyummaan biyya lamaanii guddoo jabduu jabaachaa deemtu.Waan namii hin hubatinitti jira tana hinuma beennallee.Ammoo wal hubachaa yaana jennee herreganna.Irra deebihanii laalani jennee abdanna. Maan jennaan qalbiilleen taanaan hujiilleen taanaan Itoophiyaa karuma seeraatin hojjatte jedhe


Korii gargaara kana Itoophiyaa irraa dhaabuf toraan hedduuf Washingtonitti taa’aa bahe.Bulchotii Ministera Haajaa Alaa Amerkaa hagii tokko dippilomaasi hammaatetti tanaan dhufe jedhanii,

Warrii bulchiinsa mootummaa Piresidaanti Tiraampitti dhiyaatu hagii tokko ammoo waan Itoophiyaan ado Masrii fi Suudaniin walii hin galini hidhaa tan bisaaniin guutteef tana tolchan jedhan.

Akka bulchiinsa kana keessaa tokko jedhetti gargaarsa kana gorsa pirezidaanti Tiraampiin irraa qaban. Taatultee horiin dhaba HIV/AIDS,wal dhaba, bonaa fi gargaarsa namoomaaf kennan hin Tuqamne.

Hariyummaan USA fi Itoophiyaa seenaa qabeeettii akka jecha oduu himaa Ministera Haajaa alaa Amerikaatti.

Gargaarsii ammaaf dhaaban kun doolarlii miliyoona 100 ta sagantaa nagaa naannoo eeguuf jedhanii kennan miidha.

Masrii,Itoophiyaa fi Suudan waan hujii hidhaa abbaayaa irratti waan hedduu irrati walii galan.Mariin itti aantu ta Masrii,Itoophiyaa fi Suudan waliin taa’an Fulbaana 14 keessa teetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG