Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan biyya isii baddaan gurraatiin baddee biyyee diimtuu tahuutti jirtu jireeffachuuf duulaan muka dhaabuutti jirti


Duulii muka dhaabuuf bahe kun nama miliyoona hedduu jedhan namii tokko muka 40 dhaabuuf murate
Duulii muka dhaabuuf bahe kun nama miliyoona hedduu jedhan namii tokko muka 40 dhaabuuf murate

Itoophiyaan baddaa isii ta barbadooftee duulaan muka itti dhaabuutti jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:18:29 0:00

“Lafa badde baddaan marra baafte” jette jaarroleen teenna yoo waan baddaa mukaa mtii marra taateen wal fakkeessanii wa dubbatan.

Baddaan Itoophiyaan qabdu hagii guddaan Oromiyaa keessa. Baddaa Oromiyaa waan hedduutti balleesse.Fkn Boorannii baddaa sadii qaba.Badda sadeeniin utubaa Booranaa sadeen jedhan. Areero,Oobdaa,Liiban.

Laftii loonii quncaatee waan baaftuu dhabde akkana jirti. Latii Booranaa yo bonte akkana jirti.
Laftii loonii quncaatee waan baaftuu dhabde akkana jirti. Latii Booranaa yo bonte akkana jirti.

Baddaan Itoophiyaa baduma baddee harka sadii geette. Akka ministerii Qonnaa Uumar Huseen VOA Afaan Oromootti himett baddaan tun amma harka 15 tahuutti jirti

Itoophiyaan amma dullaan muka dhaabachuutti jirti. Yaada kana akka obboo Uumar jedhetti Muummee Ministeraatti dhufeen.

Kaabinee keessaa koree itti filee hujii ministerii haga 10 hujii tana gargar qoodatee itti duude.

Baddaan badde qilleensa jijjiiramee qofaa mitii lafa baddellee hin jireessiti.

Muummeen Minsiteraa akka jecha obboo Uumaritti “addunyaaf fakkeenna tahuu qamna” jedhee yaada kanaan dhfue.

Nama miliyoona hedduutti bahee muka dhaaabe namii tokko muka 40 dhaabuuf muratan
Nama miliyoona hedduutti bahee muka dhaaabe namii tokko muka 40 dhaabuuf muratan

Itoophiyaan ji’a sadiin duratti muka dhaabuutti seente. Muka harka kiyyaan dhaabe ykn Ashaaraa kiyya jedhanii jalqaban.

Haga kaleetti akka jecha obboo Uumaritti muka ykn biqiltuu miliyoona 400 dhaaban.

Guyyaa 30- 40 keessatti ammoo waan dhaaban kaan irra deebi’anii laalan. Guyyaa 30-40 kana keessatti muka biliyoona 4 dhaabuuf karoora qabdi.

Akka jecha obboo Uumaritti namii tokko muka 40 dhaaba jedhanii herregan. Hujii tana nama miliyoona 20 caalutti itti duule jedhan.

Mukii dhaaban kun midhaan gosa lama:midhaan nyaatanii fi lafa gaaddiseessu.

Dr. Abiy Ahmed,muummee ministera Itoophiyaa
Dr. Abiy Ahmed,muummee ministera Itoophiyaa

Akka jecha obbo Huseenitti mukii kun harkii 25 muka bara hedduu jiaachuu dandahuu kaan ammoo ka ganna 10 fa jiraatu.

Mukii midhaan isaa nyaatan dhaabuutti jiran; abukaadoo, paappayaa, burtukaani,loomii fi waan hedduu.

Mukii akkuma dhaddachaa, qalqalchaa, odaa, qilxaa, burquqqee …bara hedduu jiraatu amma dhaabuutti jiran hindheensa, biriribsa, Odaa fa.Muka akkuma qilleensa naannoo itti dhaabanitiin wal fakkaatu dhaaban.

Mukii ykn biqiltuun dhaaban tun fula asadii dhufti akka obboo Uumar jedhetti

1.Kuusaa biqiltuu mootummaa

2.Abbootii dhuunfaa

3.Dhaabbilee mootummaa hin tahin

Waan durii hin jirre amma guddoo mullataa akka obboo Umar jedhetti namii hedduun fulaa akka Bishooftuu faatti muka Odaa dhaabee gurguruutti jira.

Warrii muka dhaabu kun akka isaan himan milikeeta biratti tolfata

Akka ministerii qonnaa jedhetti dhaabbilee, yuniverstii, bulchiinsaa,ummataa fi abbaan dhaabe cuftii milikeeta biratti tolfata.

Yaadannoo Irreecha Bishooftuu bara 2016 nama hedduu itti fixanitti Odaa 700 dhaaban.

Ijoollee Oromoo ibidda Oromiyaa gube dhaamsuuf lubbuu ufii gurguranillee akka minsiterii qonnaa yaada mataa ufiitiin jedhetti biqiltuu dhaabbuun yaadatan.

"Warra gaafasa sababa kanaan dhabneef gumaachii guddaan kana jedhee yaada.Ka due’e fi miidhame kan ittiin yaadanu kanumaan.”

Duula muka dhaabuu kana gumiitti itti duule. Maanti akkana nama baase jennaan akkana jedha obboo Uumar.

“Dhidhaa qamnaa waan dhamnellee kana keessa arganna miidhmaa duraan waan kana itti dhabe argadhe ka jedhu natti fakkaata.”

Akkuma biqiltuu dhaabanii lafa jijjiiran nama baqatee qarqaaranii jireenna isaa gadi dhaabuuf malan,” ka jedhulleen hedduu.

Karoorii mootummaa akka obboo Uumar jedhetti bal’aa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG