WASHINGTON,DC —
All African games dorgommii Afrikaa ganna afur afurin irratti waldorgoman.Ta barabaa waliin 12essoo.
Itoophiyaan ispoortii gosa 13n iratti dorgomtee nama 280 tanaaf Morookoo,Raabat yaa’e.
Itoophiyaan akka Afrikaatti 9essoo baate atileetiksiin ammoo Naayjeeriyaa fi Keenyaatti aantee sadeessoo baate.
Akka daarekterii atileetiksii Itoophiyaa, Duubee Jiloo jedhetti dorgommiin baranaa ta bara 2014 Koongootti qopheessaniin wal yoo wal bira qaban guddoo caalte.
Barana atileetota haaraa hedduutti irratti dorgome.Afrikaan diida Morookootti walii yaatee ispoorti gosa 24 Hagayya 19-31,Raabaatitti wal dorgomaa baate. Itoophiyaan ispoortii 13n dorgomte.
Dorgommii tana biyya Afrikaa 50 caalaatti irratti wal morkate
- Masriin warqii 102n
- Naayjeeriyaan 46
- Afrikaan Kibbaa warqii 36
- Aljeeriyaan warqii 33
- Keenyaan warqii 11n
- Itoophiyaan warqii 6