Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Ministiroota Nagaatii fi Ittisa Biyyaa Waliin Ministiroota 20 Filattee Warrii Filame Harkii 50 Dubartoota


Itoophiyaan ministiroota haaraa filattee hagii guddaan dubartoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:10 0:00

Warra filamee hardha paarlaamaan Itoophiyaa mirkasne kun hagii tokko kama duruu hujiitti jiru,haga tokko huji itti wal jijijjiiran.

Minstiri duraa qabaattee hin beenne minsitera nagaaallee filate.Minisitirii ittisa biyyaalleelleen dubartii.

Ministiroota filaman 20 keessaa dhiiraa fi dubartiin wal qixxee.Ka dubartii 10n:

  1. Ministirii nagaa, aaddee Muferiyaati Kaamil,
  2. Ministirii ittisa biyyaa, injineer Ayishaa Muhaammed,
  3. Ministirii daldalaa fi industirii, aaddee Fetlewarqii G/Igzihaabiher,
  4. Ministirii galii,aadaddee Adaanech Abeebee
  5. Ministirii Geejjibaa, aaddee Daagmaawit Moges,
  6. Ministirii saayinsii fi barnoota olaanaa, aaddee Hiruti W/Maariyaam,
  7. Ministirii dubartii, ijoollee fi dargaggoota, aaddee Yaalem Tseggaay Asfawu
  8. Ministirii dhimma hojjataa fi hawaasummaa, Dr Irgoogee Tesfaayee
  9. Ministirii aadaa fi turizimii, Dr.,Hiruuti Kaasaa
  10. Koomishineerii koomishiinii misoomaa fi karooraa, Dr. Fitsum Aseffaa.

Ministiroota maaf diqqeessan?Akka muummeen ministira Itoophiyaa Dr Abiy Ahmed jedhetti baasii mootummaallee diqqeessuu fi gaafii ummataa deebisuuf tana tolchan.

Paarlaamaan Itoophiyaa jara kana akkamiin filate maan maan laale? Akka aaddee Hamziyaa Jamaal miseensii mana marii Itoophiyaa jettutti haga guddaan muuxannoo fi barnoota,dandeettii isaanii laalan.

Dubartiin amantummaan hojjachuu qofaa mitii hujiin hin jabeessitii qalbiilleen hin hojjattii ummatilleen tanuma gaafachaa bahe jetti.

Ministiroota Itoophiyaa durii jiran haga tokko hujii isaanii walti dabalan.Horsiisee bulaan koomishineera durii qabu hin qabu taatullee akka amma jiruun yoo wannii hin qajeelina jiraatte ilaalaa qajeelchaa deeman jetti aaddee Hamziyaan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG