Bulchootii mootummaa naannoo Oromiyaa warra lafaa dudubbisuu fi godina Oromiyaa akka akkaa irra maruutti jiran.
Hardhallee itti gaafatamaa waajjira ODP, jidduu –galeessaa obboo Addisuu Araggaa fi itti gafatamtootii mootummaa Oromiyaa hedduutti Yaaballotti biyyaan wal mari’ate.
Marii Abbootiin Gadaa, Maanguddoonni, Abbootiin Amantaa fi dhaabbilee gara garaa itti dhufan tanatti biyyitii rakkoo hedduu himatte.
Hujii misoomaa ta hin dhumatin,rakkoo nageennaa,msiioaa hedduu irratti mari’atan.“Qabeennii Booranaa loon, re’ee fi gaallii isaan bira dabree Oromiyaafuu tahu daldala seera hin qamneen dhabuutti jirraa jedhe,” jedha gabaasii ODP.
Tana malee ummatii akka hujii Diida Xuyyuuraa Yaaballotti jalqabanii dhaabbate dhumtu,hospitaala riferaalii, gabayaa horii guddaa hojjataniif gaafatan.
“Booranni sirna gadaa addunyaaf qoode nuufiis eebba qoodee nu qajeelchaa. Tanaafuu Oromoo fi Oromiyaa ijaaruu hojii teenyaa nuu obsaa nu eeggadhaa,” jedha oduun marsaa interneeti ODP irratti baate.