Biiroo Dhimma Uummataa, Baqattootaa fi Godaantotaatti Itti-aantuun Misnistara Dantaa Alaa Yunaayitid Isteetis Juli’eettaa Vaals Nooyes Bitootessa 18 irraa hanga 23tti Itiyoophiyaa fi Chaadiin akka daawwachuuf jiran, Ministiriin Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis ibsa baaseen beeksise.
Itti-aantuun Ministaraa Nooyes, yeroo gara biyyoota lameeniitti imalan kanatti aangawoota mootumma gameeyyii, dhaabbatoota idiladdunyaa fi dhaabbatoota mitimootummaa waliin dhimma qubachiisa baqattootaa, gargaarsa namoomaa guutummaa Afrikaa keessaa irratti kan mari’atan tahuun beekamee jira. Waa’een nageenya hojjetoota gargaarsaa tiksuu fi hojiirra oolfama waadaalee yeroo Gumii Dhimma Baqattootaa Addunyaa ka bara 2023 galamee kan of keessa qabu tahuunis himamee jira. Dabalataan, Chaad keessatti rakkoo Sudaan keessaa deebii kennamuu qabuu fi haala rakkoo namoomaa Chaad irratti mari’achuuf jiran.
Forum