Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Itti gaafatamtootii mootummaa akka paartii Badhaadhinaa ittin filan giddiin horii nama baasuutti jiran"


Bulchootii Mootummaa paartii Badhaadhinaa ititin filan jedhanii giddin nama baasisu
Bulchootii Mootummaa paartii Badhaadhinaa ititin filan jedhanii giddin nama baasisu

EZEMA: Bulchootii mootummaa paartii Badhaadhinaa ittiin filan jedhanii giddiin nama baasisaN
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:55 0:00


Itti gaafatamaan Ezema,Dr Birhaanuun mataa gara garaa irratti gaazexeessitootaa ibsa kenne.Waan mootummaan biyya bulchuutti jiru haga ammatti hojjatee fi rakkoolee jedhe irratti dubbate.

Filannoo dhufuutti jirtu,qophii isii rakkoolee fi jeequmsa biyyitii keessa dabrte, olaantummaa seeraa,qooda bulchootii jijjiirama qabaachuu malanii fi waan heddu irratti ibsa kenne.

Akka kanaan warrii biyya bulchuutti jiru mootummaa durii keessallee dhufe biyya demokriaasii dhugaattiin deemanaa jennaan “namii waan garaatti qabatu garumatti qabatee dubbii jalaa qabe.”

Akka jecha dr Birhaanuutti jeequmsaa fi rakkooleen bara jijjirama argan kun humna jabaachuu dhabuu mootummaan jijjiirama ufiin jedhu qofa agarsiisuu qofaa mitii haga guddaan hujii warra jijjiirama kana duratti deemuu dowwuti jedha.“Bulchiinsa dansaa dhabuu hedduutti mumullata.”

Akka Dr Birhaanuu jedhetti naannolee cufa keesatti bulchiinsa dansaa dhabuu, gumboo hujii namaa hojjachuu,demokriaasiitti karaa cufuu,filannoo dhugaa akka hin jiraanne tolchuuf waan hedudutti mumullata.

“Dhaabbileen mootummaa filannoo irratti faayidaa paartii biyya bulchituu guutuuf deemuutti jiraachu mullata.”

Horiin paartiin biyya bulchituun gargaaran jedhanii horii nama irraa guuruun akka filannoon seera hin qabaanne jiraatu karaa bana jedha.

Itti gaafamtootii mootummaa Galii Biyya Keesaa, akka daldaltootii paartii Badhaadhinaatii horii baasan gaafatan.

Adaamaatti xalayaa chaappaa Abbaa Taayitaa Galii Biyya Keessaa qabduun akka daldaltootii paartii tanaa horii basan gaafatan.

“Tahuu baannaan gibira nutti daran jedhanii herregan.”Bulchoota magaalaa fi aanaa haga tokko ammoo horii kana baankiitti hin galchine jehdanii adaban.

Baankii fi dhaabileen inshuraansii silaa paartii horii walti guuruu hin mallelle doorsisiaan horii baasuutti jiran.

Boordiin filannoo itti gaafatama ufii baatee gama filannootiin giyya ceeraa fi fokkoo irraa hambisuu qabdi jedha Dr Birhaanuun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG