Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iyyaannaa Keenya Kan Dhaga’uutu Dhibe


Guraandhala 17 bara 2011 jechuun Kamiisa darbe, baqatonni Bosaasoo, Puntlaand keessa jiran waajiira waa’ee baqatootaa (UNHCR) fulleetti hiriiruu dhaan dhimmi isaanii xumura akka argatuuf iyyatanii turan.

Baqatonni akka dubbataniitti irra deddeebinee iyyannaa dhiyessinus dhaabni baqatootaa (UNHCR) nu gargaaruu hin dandeenye jedhu. Hiriira kamisa darbe waajiira UNHCR cinatti gaggeessan irratti kanneen hojii eegumsaa irratti bobba’an, baqatoota shan reebanii madessan, 20 caalaa hidhan jedhu.

UNHCR damee Somaaliyaaf dubbi himtuu kan ta’an Robeertaa Tussoo baqatonni konkolaataa mooraa keessaa ba’aa ture irratti haala hokkaraan gutameen haleellaa waan gesisaniif, polisiin kanneen 20 ta’an qabee hidhe jedhu.

Baqattoota qabaman kana keessaa kanneen konkolaataa seenuu didan humnaan seensisuun dirqama ture kan jedhan Tussoon, kanneen hidhaman keessaa afur irraa kan hafee hunduu gadhiifamuu ibsan.

Arfan hafan polisiitu qorannaa dabalataaf turse, dhimma isaaniis waajjirri keenya hordofaa jira jedhan dubbi himtuun UNHCR kan damee Somaaliyaa Robertaa Tussoo.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG