Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarroleen Gujii fi Gediyoo nagaa dubbatanii wal yooyyifatanii araaraaf harka wal fuudhan


Jaarroleen Gujii fi Gediyoo wal mari'atanii nagaaf harka wal fuudhan
Jaarroleen Gujii fi Gediyoo wal mari'atanii nagaaf harka wal fuudhan

Waldhaba Gujii fi Geediyoo akka oduu gara garaatti nama miliyoona tokko tahutti baqate.

Nama hedduutti qahee fi ufiitii baqatee akka hamaa keessa jira.Itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa, Shimallsi Abdiisaa fi miilotii isaa hardha Gujii Dhiyaa oolan.

“Ummata Oromoo nagaadhaan godina Gediyoo keessa jiraatu namoonni buqqisan namoota yakkamtoota. Namaoota duudhaan gada ahin galleef. Ummata Gujii fi ummanni Gediyoo obboleewwan.Ummata Geediyoo kallattii adda addaadhaan obboleessa isaa faana ummata jiraatu, Gujii keessaa buqqisan," jedhe obboo Shimallis.

Jaarroleen Gujii fi Gediyoo wal mari'atanii nagaaf harka wal fuudhan
Jaarroleen Gujii fi Gediyoo wal mari'atanii nagaaf harka wal fuudhan

Araara kana irratti jaarrolee fi abbootii gadaa gama lachuuuyyuu walti yaamanii ardaa Qarcaatti mari’achiisan.

Akka obboo Shimallis kora sun irratti jedhetti Gediyoo fi Gujiin obboleeyyan “warrii jara kana wal dhabsiise seeraan gaafatamaa.”

Itti aanaa pirez. Oromiyaa, Shimallis Abdiisaatii fi miilotii isaa araara Gujii fi Geediyoo irratti
Itti aanaa pirez. Oromiyaa, Shimallis Abdiisaatii fi miilotii isaa araara Gujii fi Geediyoo irratti

Gama kaaniin ammoo Gediyoo wal dhaba kanaan baqatan 15,000 qahee ufiitti galuutti jiraa akak laftii nagaa lafaa eeganiif gaafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG