Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoonni Dhibbaan Lakkaawwaman Mana Jawaar Funduratti Hiriira Taasisan


Jawaar Mohaammed dargaggoota mana isaatti argaman gadi bahee dubbise, Onkoloolessa 23, 2019, Finfinnee
Jawaar Mohaammed dargaggoota mana isaatti argaman gadi bahee dubbise, Onkoloolessa 23, 2019, Finfinnee

Dargaggoonni dhibba afurii ol harra naannawa mana Jawaar Mahaammad ka Finfinnee jirutti argamuun hiriira taasisanii jiru.

Kana malees humni naga kabachiiftota mootummaa digdamaa ol ta’anis naannoma kanatti argamuun haala jiru ilaalaa, hordofaati turan. Dhalattoonni Oromoo kun hiriira isaanii gubbaatti Jawaar Mohaammediin dhaadhessaa deeggarsa isaa qaban yoo ibsan, Muummee Ministira Itiyoophiyaa Abiy Ahmed ammoo qeeqa irratti qaban dhageessisaa turaniiru.

Hiriirri mormii kun Oromiyaa bakka adda addaa keessatti gaggeeffamuu jiraattonni Madda oduu Rooytersiif himanii jiru. Magaala Guddoo Shawaa Bahaa Adaamaatti jiraattonni lama hiriira gubbaatti dhukaasa qawwee dhuka’e dhaga’uu isaanii dubbatan. Haga yoonaa garuu sababa dhukaasi kun dhuka’eef waanti beekame hin jiru.

Jawaar Mohaammed haala ta’ee kanaa ilaalchisuun kibxata galagala angawi humna nageenya mootummaa federaalaa tokko eegdota isaa mootummaan ramadeef halkan is (Jawaar) dhiisanii akka deemaniif ajaja dabarsuu Rooytersiif dubbate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG