Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jefirii Feltmaan Kamisa Borii Finfinnee Seenu


FAAYILII - Gaanfa Afriikaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis kan ta’an Jefirii Feltmaan
FAAYILII - Gaanfa Afriikaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis kan ta’an Jefirii Feltmaan

Gaanfa Afriikaatti jila addaa Yunaayitid Isteetis kan ta’an Jefirii Feltmaan kamisa borii Finfinnee kan seenan ta’uu dubbi himaan ministrii haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Need Praayis kaleessa tuuta oduuf bilbilaan ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Ambaasaadder Ferltman gara Itiyoophiyaatti kan imalan dhimmootii marii nagaa irratti dubbachuuf akka ta’e Praayis ibsaniiru. Feltman gara Tigraay dhaqu yoo ta’e Praayis gaafatamanii ammaaf kan dubbachuu danda’an ambaasaadderichi kan isaan deeman angawoota mootummaa Itiyoophiyaa gameeyyii waliin dubbachuu akka ta’e hubachiisaniiru. Bal’ina marii sanaa irratti dubbachuu kan danda’an illee xumura irratt ta’uu isaaf bal’ina isaas barreeffaman kan dhiyeessan ta’uu ibsaniiru.

Wal dhibdeen sun hatattamaan akka dhabamu, dhiittaan mirga namaa geggeessamaa jiru akka dhaabatu, gargaarsi uggura malee akka dhiyaatu, dararaa namoomaatiin ala nagaa fi nageenya gaanfa Afriikaaf balaa waan ta’uuf, Itiyoophiyaa keessatti furmaata walitti bu’iinsa sana ilaalchisuun mariin akka geggeessamu yeroo dheeraaf itti yaadaa turre jedhan Praayis.

Jilli addaa kun angawoota mootummaa Itiyoophiyaa ol aanoo waliin dubbachuuf haalli jiru amma mijataa ta’uu kan tuqan Piraayis, qaamotiin lamaan wal waraansa dhaabanii gara mariitti akka dhiyaatan carraa akka kennu angawoonnis akka amanan hubachiisaniiru. Ambaasaadder Feltman ennaa Itiyoophiyaa seenan qabiyyeen marii isaaniis kana akka ta’u ibsaniiru.

“Walitti bu’iinsa sanaaf furmaati hin jiru ennaa jennu, akka isa jalqabaa, dhumaa fi filmaata tokkichaatti kan nuti deggerru dipilomaasii akka ta’e dubbataa tyurreerra” jedhan dubbi himaan kun. Itti fufuu dhaanis “mootummaan Itiyoophiyaa gochaalee gara jabinaa walii galaatti kanneen hirmaatan kan ittiin gaafatamuu danda’an, tarkaanfii haqaa ifa ta’e kan of keessaa qabuu fi marii amansiisaa fi hunda hirmaachise akka jalqabu irra deebi’uun waamicha dabarsina” jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG