Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjiirama Itoophiyaa Qeerroo,Wixinee Seeraa US HR-128 fi waan hedduutti dhufeen jedhan 'Congressman' Mike Coffman fi Obboo Beqqelee Garbaa


Miseensa Kongireesii Amerikaa Mike Coffman fi Obboo Beqqelee Garbaa Torbaan Oromoo irratti dubbatan
Miseensa Kongireesii Amerikaa Mike Coffman fi Obboo Beqqelee Garbaa Torbaan Oromoo irratti dubbatan

Congressman Mike Coffman, Beqqelee Garbaa fi bulchoota Hawaasa Oromoo Denver ' Torbaan Oromoo' bara 2018,Denver
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:22 0:00

Torbaan Oromoo guyyaa Oromoo gannatti marroo tokko Ameirkaa fi biyya akka akkaatii walti dhuftee qophii ispoortii,qophii bashannanaa,marii siyaasaatii fi waan hedduu waliin qabaattu.

Maqaa kana bulchoota Amerikaa Oromoon qophii akkanaa keessatti qabaatutti baaseef. Qophiin akkanaa ta barana Denver,Koloraadooti tolchan waliin 22essoo.

Ta baranaa Adoolessa 21-28,2018 Amerikaa Denver,Koloraadoo keessatti qopheessan.

Kilaboota kubbaa Oromoo miilaa Amerikaa Kaabaa 22 isataadiyoomii Five Star Denver Koloraadoo jiru keesatti wal dorgomaa bahe.Miseensii Kongioreesii Amerikaa Mike Coffman nama Koloraadoo keesaaa filame.

Atileeti Fayyisaa Leellisaatii fi obboo Beqqelee Garbaa rakkoo Oromoon addunyaatti dubbahcuu isaaniitiif galateeffate. Jijjiirama Itoophiyaan keesssa jirutullee hin faarse.

Koofmaaan nama dhiphuu fi bali’na Oromoo faana jiru.Gaafa akka mootummaa Itoophiyaan mirga namaa eegee dimokiraasiillee jajajbeessee mootummaa namuu qooda keessa qabu dhaahbuuf jedhee manii maree Amerikaa labsii Wixinee HR-128 baase sunillee warra karoora kana gammachuun fudhate keessaa tokko.

“Jijjiirama amma Itoophiyaan keessa jirtu kana wixineen seeraa manii marii Amerikaa HR 128 qooda guddaa qaba.Akka irreen nama bulchuun haftu tolche.”

Akka Congressman Coffman jedhetti minsiter Abiy Ahmed Itoophiyaa karaa dansaa irraan jiraa,tun Itoophiyaa abdii taatii akka innii hojjatullee faanuma jirraa jedha.

Koloraadootti bulchituun magalaa Thornton,Heidi Williams OSFNA qophii baranaa magaala isiitti qopheeffannaan galata galchiteef. "Baga magaalaa teenna keessatti tolfattan,guddoo gammanne.Waan magaalii teenna qabdu, nyaataa fi dhugaati ilaanii,gaarrenii fi lafa teenna nuu daawwadhaa. Maatiin kiyya kubba miilaa guddoo jaalata jarillee kunoo isan waliin daawwachuf dhufuutti jiraa,walumaan gammadaa bashannanaa,”jette.

Keessummaan ulfinnaa ta dhibiin obboo Beqqelee Garbaati.

Beqqelee Garbaa: Qaboon Orommoo muummee ministera oli baaftee biyyattiitti jijjiirama guddaa fidde.
Beqqelee Garbaa: Qaboon Orommoo muummee ministera oli baaftee biyyattiitti jijjiirama guddaa fidde.

“Wagoota 3-4 darban dargootni keenna... dirree kubbaa keessa turan miti carraa akkasii hin arganne.Baayyeen isaanii mana barnootas hin turre. Hujii irras hin turre.Kumaatii isaanii mana hidhaa turan. Miliyooni isaanii daandii irra turan. Hiriiraa turan.Bilisummaa isaaniif falmachaa turan. Mirga isaanif lolachaa turan.Diina jala harka isaanii duwwaa dhaabbachaa turan.Haa tahu male qabsoofaa kutannee kaanee qeerroo ufi jala hiriirisinee haala jiru jijjiirre jirra. Qillensa biliusmmaa fudhachaa jirra. Muummee minsitrera haaraa hangootti baasnee jirra.”

Dorgommii kubbaa miilaa tana Dirree Dhawaatti Madda Walaabu 1-0 moohee waancaa fudhate.

Shaampiyoonaa OSFNA bara 2018,garee Dirree Dhawaa(MN)
Shaampiyoonaa OSFNA bara 2018,garee Dirree Dhawaa(MN)

​Dirreen armaan duratti marroo jaha waancaa fudhatte.Tapha barana irralleetti akka leenjsiaan isaani jedhutti goolii hedud galfatan. “Nuuti goolii 12 nayndhe gooliin takklleen nutti hn seeyne.'Clean sheet' je'ama afaan biyya kanaatiin.Waggaa 10f waancaaf taphanne.”

OSFNA baran kana waliin ganna 22 tapahtan. Gannuma gannaan Oromoon akkana walti dhufaa aadaa,seenaa fi eennummaa ufii jabeeffachaa wal guddifatan.

Dirree Dhawaan barana,2018 waliin marroo 6 Shaampiyoonaa OSFNA taate
Dirree Dhawaan barana,2018 waliin marroo 6 Shaampiyoonaa OSFNA taate

“Ijoollee tana jala deemnee karaa malee akka isaan hin deemne walitti qamnee ceekuu irratti baadhee asiin gahe,” jedha leenjsiaan Dirree Dhawaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG