Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Addaa Kan Yunaaytid Isteetes Imaltuu Biyyoota Arikaa 4 Keessatti Gaggeessan Xumuranii Jiru.


Biyyoota Gaanfa Afrikaaf jila addaa Yunaayitid Isteetes kan ta’an Jefrii Feltmaan daw’annaa kutaa sana keessatti gaggeessan xumuuranii jiru.

Imaltuu isaanii Kanaan Masrii, Ertraa, Sudaan fi Itiyoophiyaa kan dhaqan yoo ta'u kanas Caamsaa 4 hanga 13 bara 2021tti gaggeessan.

Itiyoophiyaa abbaa biyyummaa ofii fi tokkummaa qabdu gochuuf mul’atnii kan jiru ta’us garuu siyaasaa fi gosummaa irratti hirkachuun addaan qodamiinsii guutuummaa biyyatti keessatti dabalaa adeemuun akkaan nu yaaddeessee jira jedhan.

Miidhaan Tigraay keessatti dhaqqabaa jiru kan fudhatama qabu miti.Yunaaytid Isteetes fi michoonni ishee kan addunyaa dhukaasa dhaabinsii akka argamuuf hojjatu jedhan.

Jilli addaa Yunaaytid Isteetes Feltmaan, mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad fi aangawoota biyyattii ka biro wajjiin kan dubbatan yoo ta’u hegeeree biyyatti irratti waliigaltee tokko irra ga’uuf dubbatanii rakkoo jiru furuun akka qaban dubbatan.

Kunis mirga dhala namaa fi kan siyaasaa lammiwwan biyyatti maraaf kabajaa kennuun akka ta’e ibsan. Humnootiin Ertraa Itiyoophiyaa keessaa jiraachuun immoo kaayyoo kana faalleessa jedhan.

Feltmaan Asmaraa keessatti prezidaant Isaayyaas Afawarqii waliin ennaa dubbatan looltonni Ertraa Itiyoophiyaa keessaa battalumatti akka ba’an itti himan.

Gama kaniin Sudaan gara Demookraasiitti ce’uuf yaalii gootu Yunaaytid Isteetes deggeruu akka itti fuuftu, hidhaa laga Abbayyaa fi daangaa sudaanii fi Itiyoophiyaa gidduu kan ilaaleen falmii jiru furuuf michoota keenya kan addunyaa waliin hojjanna jedhan.

Maanguddummaa Gamtaa Afriikaan mariin gaggeeffamuu hataattamaan akka itti fufuu qabu Feltmaan dubbatanii jiru. Jilli addaa kan Amerikaa kun gara gaanfa Afriikaatti kan deebi’an ta’uun ibsamee jira.

Gabaas Guutuu Caqasaa.

Jilli Addaa Kan Yunaaytid Isteetes Imaltuu Biyyoota Arikaa 4 Keessatti Gaggeessan Xumuranii Jiru.
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:38 0:00


XS
SM
MD
LG