Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattootii yuniverstiii Jimmaa damee teknooloojii 'rakko himanneef deebii dhamne barsumsa dhiifnee keessaa yaane’ jedhan


jimma university logo
jimma university logo

Barattooti yuniversiti Jimmaa damee teknooloojii qormaata barattoota eebbifamnii kennan "exit exam" fudhachuuf meehsaa hin qamnu jedhanii
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:10 0:00

Akka barattootii tun jedhanitti rakkoo tana dhiyoo tanaa asittu himachumatti jiran.Warrii rakkoo tana himate hagii guddaan barattoota yuniversitii Jimmaa damee teknoolooti; komputeraa fi Injineeringi.

Waan hiamtan hedduu keessaa tokko qormaata nama yuniversitii baratee bahee kennan ka ka isa malee hin arganne,“exit exam” jedhan.Qoramaatii akkanaa kun ammoo waan haraa jalqabuutti jiran.

Ijoolleen ammoo waan kana haaraa dhageennee malee ittuu hin qophoomne waan kanaan ufi qopheessanillee ‘hin qaban.’

Komputerii diqqaan jirulleen akka barattootii nuun jedhanitti waan humna hin qamnee, interneetiin laaftuu ka wa hojjachuuf bira taa’aa oolan.

'Injineeringi jechuu wa uumuu jechuu kana hojjachuuf komputera gahaa labaratootii keessaa hin qamnu.Mooraa teknooloojii tanatti Wi-Fi megabyte tokko buusuudhaaf, viidiyoo adda addaa laaluudhaaf saati baayee si tursa.Erga mooraa nuu sirreessaa jennee iyyaa jirra.Labratooriitti nama 30f meeshaa takkitti kennan.Namuma lamatti hojjata malee kaan taa’aa oola. Haallii kun hundi nuu guutamee,”jedha barataan ganna sadeessoo yuniversitii baratu.

Ijoolleen tun qoramaa kana fudhachuuf akka rakkooleen jedhan tun fala argattuuf fedhan.

“Wa uumee ittiin hojjachuuf komputera gahaa, labratootii fi interneetii qabaachuu qabda kana tahuu baannaan qormataa kana fudhachuu hin dandeennu,” jedhan.

Barattootii tun rakkoo tana torbaan dabreeas asitti barumsallee dhaabanii himachaa bahan. Barumsa dhaabanii jennaan ammoo akka murtii kaabinee mana barumsaa murteesse hin fudhanna jedhaa mallatteessaa nu jedhani dinnee jedhan.

Jarii kaun amma kampasaa bahee itti deebihee mi’a fudahchuullee waan dhowwaniif rakkoo keessa jirraa jedha.Barattootii rakkoo tana himatan barattoo Injineeringi ganna 1-5 keessa jiranii fi Komputera ganna 1-5 keessa jiraati.

Akka pirezidaantiin gamtaa barattoota yuniversitii Jimmaa obboo Bulchaan jedhutti mooraan yuniverstii Jimmaa rakkoo tanaa fala kennuu hin dandeennee oli dabarfate ammoo qoraamtii barattoota eebbifamaniif kennamu akkuma Itoophiyaatti kennama malee akka Jimmaa qofaa miti jedha.

“Garuu akka biyyoolessaati bori murtiin laatamu akka jiru odeeffannoon qaba,”jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG