Baqatonni mooraa UNHCR Sana’aa Yemen jiru fullee baatilee darban kudhaniif dahatanii turan Bitooteessa 27 bara 2012 irraa kaasee humnaan iddoo adda addaatti geessamaa kan jiran ta’uu dubbatan.
Kanneen gara mooraa Al-Qaras geessaman baqattoonni 202 “nyaata, bishaan, dahannaa tokko ituu nuuf hin kenniin UNHCR gammojjii Sahaaraa keessatti nu gatee deebi’e” jedhu.Kanneen 400 ta’an immoo konkolaataan gara immigireeshiina Yemen kan Sana’aa keessaatti geessamnee gamoo jala hidhaa keessa ka’amnee guyyaa tokko booda Waldaan Fannoo Diimaa Ruuza nuuf kenne, jedhu.
Gama kaaniin, wellisaa Kadir Martuu Bitooteessa 27 bara 2012 jalqabee Kaartum keessatti bakka itti hidhamee ture irraa fuudhamee eessa akka geessame hin beeknu, jedhu baqatonni isa beekan. Polisiin Kaartuum garuu, Kadir ehama ituu hin argatiin wellisaa waan tureef seera cabseera, garu hin hidhamne jedhee jira.
Dubbi himaan Ministrii Dantaa alaa Sudaan fi dhaabni baqattootaa, UNHCR dameen Kaartum dhimma kana irratti deebii kennuuf waadaa seenan hojii irra hin oolchine.
Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa