Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joo Baayden filannoo godina US 14 moo’ee paartii Demokiraat fulaa bu’ee Tiraampiin wal dorgomuuf abdii horachaa dhufuutti jira


Joe Biden
Joe Biden

Demokiraaota 20 tahanitti Tiraampi irraa pirezidaantummaa fudhachuuf dorgmmiitti duude.Amma namuma diqqaatti walti hafe.Warrii walti hafe kun amma godina Amerikaa cufa irra maree dorgoma.

Abbaa godina kana keessaa qabxii guddoo argatetti paartii Demokiraati fulaa bu’ee pirezidaanti Tiraampiin walti hafee filannoo irratti dorgoma.

Kalee godina 14 wal dorgome kana keessaa sagal itti aanaa pirezidaantii Amerikaa ka durii Joe Bidenitti moo’e.

Godina Teksas keessaa ummatii kalee egerii pirezidaantii taha jedhee abdata filatenama paartii Demokriaati fulaa bu’ee pirezidaanti Tiraampiin wal dorgomu filachuuf qarree galee saatii hedduu eegatee filate.

Ellen Shaddock akkuma miilota isii hedduu senator Vermont Bernie Sandersii kaardii buufte.

Berniin yoo na filattan tolaan koollejjii barattanii horii, mootummaan baasuun akimattan jedhee jedhee akka filatan kadhate.Ellen jechii kun guddoo gara gale.

"Berniin biyyaa fi siyaasaa WDC jijjiiruuf herrega dansaa qaba.Woma ganna 200n duratti argine bara keennalleetti arguu feena jette.”

Anthony Roojaasaa akkuma Ellen dardara lafaa dhfuutti jiru.Innii ammoo itti aanaa pirezidaantii Amerika ka durii Joe Bidenii kaardii buuse.

Karaa Bernii Sadersii gara dansaatti nuun hin deemu jedha ."Wannii tolaa dansuma taatullee karaan kun dhalootaa kanaaf hin tahu,” jedha.

Jaarroleen akka Jack Leitner faaf ammoo tolaan akkimattan jechuu guddoo jaalata taatullee tanaa tanaa dhiisaa wannii guddoo arguu feena Tiraampuma dabsachuu jedha.

Amerikaan guyyaa 246n duubatti pirezidantii filatti.Paartiin Rippaabililaan keessaa Pirezidaanti Tiraampitti marroo lammeessoo dorgomsiifatti.

Amma haga guddaan Bidenii fi Bernii Sandersitti walti hafe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG