Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamtoonni Prezidaantummaa Ameerikaa Itti-aanuuf Dorgomaa Jiran Waa’ee Afrikaa Maal Jedhu?


Faayilii: Donaald Traamp (Paartii Ripublikaanii irraa) fi Hilllary Kilinton (Paartii dimookiraatotaa irraa), Bitooteessa 1, 2016
Faayilii: Donaald Traamp (Paartii Ripublikaanii irraa) fi Hilllary Kilinton (Paartii dimookiraatotaa irraa), Bitooteessa 1, 2016

Paartii Ripublikaanii irraa ka dorgomaa jiran – Donaald Traamp, filannoo kaadhimummaa ka Praaymarii jedhamu, kaleessa kutaalee shan keessatti geggeessame guutummaatti injifachuun, deggersa bakka-bu’oota isaanii 172-maa dhuunfachuun gara Paartii Ripublikaaniin kaadhimamuutti dhihaataa jiru.

Amma, akka kaadhimamaa prezidaantummaa paartii Ripublikaaniitti akka of ilaalan ka dubbatan – Donaald Traamp, “Teed Kiruuz fi Joon Kaasichi, naaf karaa gad-lakkisanii dorggomicha keessaa ba’uu qaban” jedhu.

Gama dimookiraatotaa tii immoo, ka dogommicha kaadhimamtummaa sana dursaa jiran – Hilllary Kilinton, kutaalee Yunaayitid Isteets akka Mariilaand, Pensilvaaniyaa, Kennetikat fi Delaaweer injifannoo argachuudhaan gara kaadhimamtummaa prezidaantii paartichaatti dhihaachaa jiran.

Hegeree boorii, kan hojiin cimaan itti kabajamau, ka maatiilee deggersa itti argatan, kan daandiilee naga-qabeeyyii itti tahan fi hawaasaaleen itti jajjabaatan, ka jaalallii jibbinsa irratti injifannoo argatu fuul-duratti yaadaa jirra – jedhu- Kilinton.

Injifannoon Kilinton kun, dorgomaa isaanii – Bernii Saanders irra dhiibbaa dabalataa kaa’ee, carraa paartichaan kaadhimummaa itti dhiphisa jedhama.

Gama biraatiin, yeroo dorgommiin filannoo Yunaayitid Isteets kun itti fufaa jirutti, namni itti-aanee taayitaa Waayit Haawus qabatu, hegeree Afrikaaf maal harkaa qaba? Gaaffiin jedhu, yeroo dheeraaf lammiwwan Afrikaa hedduu gidduu deddeebi’aa ture. Kan as Waashinton keessa maadheffate – Dhaabbatni “Africa Ameerikaa Institute” jedhamu, dhiheenya kana lammiwwan Ameerikaa Prezidaantummaaf dorgomaa jiran shananuu waamee marii geggeessee ture. Lammii Ameerikaa hidda dhalata Laayibeeriyaa ka ta’an - Walaa Biligeey, dorgomaa kaadhimamtummaa prezidaantii ka dimookiraatotaa – Bernii Saandersiif gorsituu dha. Waa’ee walitti-bu’insa furuu irratti ilaalcha Saanders qaban akkanatti ibsan.

Yunaayitid Isteets poolisii Addunyaa maraa ta’uudhaan mootummoota bakka-buutee hoogganoota muuddi amantaa jedhu hin qabu. Waraansi furmaata xumuraa ta’a, amantaa jedhu illee hin qabu - jedhan.

Jechawwan wal-falmsiisoo Doonaald Traamp yeroo duula na filadhaa dubbatan beekan iyyuu, lammiwwan Afrikaa marii mana-maree Yunaayitid Isteets keessatti geggeessame hordofan, Prezidaantummaan Traamp akkamitti akka Afrikaa hirmaachisu beekuuf fedhii guddaa qaban.

Ministarittii dhimma-alaa Yunaayitid Isteets duraanii – Hilarii Kilinton bakka-bu’uun ka dubbatan immoo, dhaabbata “Africa Center” jedhamuuf daarektara ka ta’an Misheel Gaavin. “Kilinton – rakkoolee Addunyaa irraa, karaa walitti-dhufeenya addunyaa furuutti fuuleffatatan” – jedhu.

Ministarittiin dhimma-alaa Kilinton, mootummoota Afrikaa, jaarmayaalee hawaasaa fi dhaabbatoota dhuunfaa waliin hariiroo keenya bal’isuu fi hidda isaa gad-fageessuu irratti hojjechuun baay’ee barbaachisaa ta’uu isaatti amanu. Ardittii keessaa michoota nu barbaachisa – jechuu isaanii dubbatan.

Paartii Ripublikaanii irraa ka prezidaantummaaf dorgoman – Joon Kaasichi bakka-bu’uun dhimma kana irratti ka dubbatan immoo, dhimma Afrikaatti gargaaraa Ministeraa Yunaayitid Isteets ka turan – Hermaan Koheeni. Investmentiin dhuunfaatiin akka dinagdeen Afrikaa dagaagu barbaadu – Saanders, jedhu – Kohen.

Dorgomaan Ripublikaanii ka biraan – Teed Kiruuz, silaa otuu dorgommii prezidaantummaa injifatanii, dinagedee jabaa akka Afrikaaf abjootan ka dubbatan – gorsaan duula filannoo Kiruuz – Maayikil Lidiin, “garuu, waa’ee malaammaltummaa ardittii keessaa yaaddessaa dha” jedhu.

Daldaltoota lammiwwan Ameerikaa ilaaltee waa’ee Afrikaa bal’aa keessatti hojii daldalaa hojjechuu yoo waliin dubbatu, waa’ee malaammaltummaa yaadda’uu irraa baay’ee tasgabbii dhabu, jechuu isaanii ibsan Maayikil.

Barri prezidaantummaa Baaraak Obaamaa ennaa xumuramaa jiru kanatti, lammiwwan Afrikaa hedduun, gochaa prezidaantichi Afrikaaf godheef otuu hin taane akka dhalata Afrikaa keessaa tokkootti waan ilaalaniif, waan yaadannoo bara isaatti qabaman ta’uu dubbatu.

Qophii Dirree Dimookiraasii tii, dhaggeeffadhaa.

Kaadhimamtoonni Prezidaantummaa Ameerikaa Itti-aanuuf Dorgomaa Jiran Waa’ee Afrikaa Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:51 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG