Niiw Yoork keessa kan maadheeffatee korporeeshiniin wuccuu Fiiliips Vaan Hiwziin jedhamu warshaa industriyaal park Hawaasaa keessaa qabu ifatti cufuu isaa kaleessa beeksisee jira.
Kunis sababaa walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessa jiruun ta’un ibsamee jira.korporeeshinichii walitti bu’iinsii ituu hin hammaatiin dura Itiyoophiyaa wajjiin gara michooamaan hojjachuutti ceesisuuf hojjataa akka ture aangawtiin korporeeshinichaa saraah Klaark dubbachuu isaanii madden midiyaa ibsanii jiru.Garu Michoota keenya Itiyoophiyaa keessaa waliin hariiroon qabnu itti fufna jedhe kampaanichi.
Maanjaara Indastriiyaal paarkii Hawaasaa kan ta’an Obbo Fiitsuum Ketemaa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti, murtii kaampanichaa kana booda hojjattonni 1300 hojii isaanii dhaban.Ta’uus garu hundi isaanii warshaa achuuma paarkiicha keessa jiranti ka birootti akka ramadaman ibsanii jiru.