Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaayyoo ABO Jijjiiruu Keenya Beeksisuuf Hawaasota Itiyoophiyaa Biyyoota Alaaf Ibsa Kennaa Jirra


Gamtaan Dhaabbatoota Polotikaa sadii dhiheenya hundeeffamee fi kan Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamu, Gareen ABO as Waashington DC keessatti walga’ii uummataa waamanii turan. Akka qopheessitoonni jedhanitti, kan Tumsa Bilisummaa Walqixxummaa fi Haqaa fi Garee ABO kanaan qophaa’e irratti namoota gara dhibba shanii tu argame.

Garee ABO Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamuuf miseensa Koree Hoji-geggeessituu fi Itti-gaafatamaa Jaarmayaa ka tahan, Addeessaa Boruu, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, kaayyoon walga’ichaa “dhaabni keenya sagantaa isaa dhiheenya jijjiire hawaasa Itiyoophiyaa bal’aa biraan gahe akka isaan qabsootti hirmaatan taasisuuf” jedhu.

Gamtaa ‘Tumsa Bilisummaa, Wal-qixxummaa fi Haqaa’ jedhamu irraa Obbo Nehaamiin Zelleqees --- Gareen ABO kun sagangaa siyaasaa isaa jijjiiruun gaaffii ijoo dha. ABOn uummata Oromoo bal’aa akka miseensaa fi deggeraatti of-duubaa qaba. Jijjiiramni kaayyoo kun, akka dhaabonni mormitootaa kaan illee itti dabalamanii humna gamtaaween Mootummaa Itiyoophiyaa abbaa-irree kuffiisuuf qabsaawan gargaara, jedhu.

Guutummaa qophii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG