Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaayyoo Afgaanistaan Keessaa Qabnu Fixaan Baafnee Jirra: Antonii Bliinkan


Faaylii - Ministriin Dantaa Alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinken
Faaylii - Ministriin Dantaa Alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinken

Humnootii Neetoo kanneen Afgaanistaan keessaa biyyatti deebisuuf yeroon amma jechuun ministriin dantaa alaa Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinken har’a dubbatanii jiru.

Braasels keessatti barreessaa duree Neetoo Jeens Stoolanburg waliin kan wal argan Bliinkeen kaayyoo fixaan baasuuf karoorfanne fixaan baafnee jirra jedhan.

Waraana keenya nagaan bifa qindaa’een Afgaanistaan keessaa baasuuf torbanneenii fi baatilee fullee keenya jira keessa walitti dhiyeenyaan hojjanna kan jedhan Bliinken kana goonuus cichii nutii hegeree Afgaanistaniif qabnu akkuma jiruutti itti fufu jedhan.

Neetoon gara fuula duraatti qooda Afgaaniistaan keessaa qabaatu ilaaleen walitti dhiyeenyaan hojjatanii qindeessuuf carraan jiraachuu isaaf Stoolanbarg galateeffatanii jiru.

Kana malees Bliinken ministeera Ittisaa kan yunaaytid Isteets, ministeeroota dantaa alaa biyya Jarmanii , Xaaliyaanii , Tarkii , fi Briteen waliin dubbatanii jiru.

XS
SM
MD
LG