Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal dhaba daangaa Oromiyaatii fi Somaaleetiin Oromoo kuma 600 olitti baqate-- waldaan Oromoo Kamise midhaan makiinaa hedduutiin dhufeef


Wal dhaba daarii naannoo Oromiyaa fi Somaaleetiin Oromoo kuma heddu Jijjigaa baqate
Wal dhaba daarii naannoo Oromiyaa fi Somaaleetiin Oromoo kuma heddu Jijjigaa baqate

Oromoo kuma 600 caalanitti wal dhaba daangaa Somaaleetii fi Oromiyaatiin baqate
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:00 0:00

Akka gabaasa Biiroo Koominikeeshiiniin Oromiyaa Sadaasaa 14,baaseetti wal dhaba kanaan Oromoo 603,933 baqate. Kana keesaa 145,445 naannoo Somaalee keessaa baqate. Ka hafe ammoo 458,488 daangaa Oromiyaan naannoo Somaalee waliin qabdu irraa baqate.

Akka gabaasa Biiroo odeeffannoo Oromiyaatti namii baqate kun mootummaa Federaalaa irrallee gargaarsa isaanii male hurreetti argachuutti hin jiru.

Gama kaaniin ammo Waldaan Misooma Oromoo Kamisee Oromo rakkoo keessa duudde tana gargaaruuf makiinaa 20tti midhaan fahee,qarshii miliyoona 2 fi kuma 600 caaltu waliin dhufe.

Obboo Mohaammada Abduu waldaa misoomaa kanatti itti gaaftamaa.” Dhiigatti dhiigaaf dhiiga” jennee gargaarsaan dhufne jedha.Jarii kun Harargee Bahaati fi Dhiyaa,Adaamaa fi Finfinnee dhaqee rakkoo namii baqate kun keessa jiru laale.Waan akka malee garaa nama hammeessaa arginee jedha.

Akkana jecha obboo Mohaammaditti wal dhabii kun waan Oromoo tokkummaa barsiisee jedhe.

Gargaarsa waldaa misooma Oromoo Kamisee kana nama 150 akka jecha obboo Mohaammaditti nama 150tti dhufeen.

Oromoon Kamisee tun akka mootummaan Oromoo ona ufii,lafuma ufii irraa buqqisan lafuma isaatti deebisee ka naannoo Somaalee keessaa dhufe ammoo Finfinneeti lafa itti barbaadan gaafate.

Waldaan misoomsa Oromoo Kamisee bara 1999 keessaa hujii jalqabee akka jecha obboo Mohaammeditti rakkoo akka akkaa irratti nama gargaarsa.

Miilotii isaanii amma Finfinnee jiran kun torbaan tokko Oromiyaa keessa yayaa’ee nama baqate laalee,waan warrii himate caqasee gale.Marsaan lammeessoon faanuma jirtii jedha obboo Mohaammad.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG