Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Balaa Busuuf Leenjifamantu To'annaa Jala Oole, jetti Itiyoophiyaan


Baatii Bitooteessa darbee jalqabee kanneen to'annaa jala oolan namoonni 121 kanneen Addi Bilisummaa Oromoo Keeniyaa fi Ertiraa keessatti leenjisee akka Itiyoophiyaa keessatti haleellaa oofaniif baatiilee xiqqoo dura gara Itiyoophiyaatti bobbaase, jechuudhaan aangawaan mootummaa Itiyoophiyaa akka maqaan isaanii himamu hin feene tokko ibsanii jiru.

Kayyoon isaaniis Itiyoophiyaa keessatti hookkara oofuu ture kan jedhan aangawaan kun garuu polisiin faana dhahee to'annaa oolchuu dubbatan.

Himata dhiyaate kana irratti dubbi himaan ABO Dr. Bayaan Asoobaa deeebii kennaniin,mormii uummataa biyyoota Afrikaa kaabaa fi giddu galeessa bahaa keessatti gaggeefamaa jiru kan sodaatee muddame, Mootummaa Itiyoophiyaa tu oduu dharaa uumee Oromoota nagaa mana hidhaatti guuraa jira malee kanneen hidhaman keessa miseensi ABO tokko illee hin jiru, dhaabichaan namni leenjisames tokko illee jarreen keessa hin jiru, jedhan.

Mootummaan Itiyoophiyaa heddumina uummatichaa sodaachuu irraa kan ka'e yeroo mara uummaticha adda baasee akka hidhaa fi doorsisaan gidirsaa jiru dubbatu, dubbi-himaan ABO kun.
Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG