Xurree ittiin seenan

Breaking News

Karaan guddayyaan Boorana Dirree fi Dirra Liibaniin taakkee godina Gujii Bahaatiin dhaqan eegii citee ji’a hedduu


Karaan guddayyaan Booranaa fi Gujiin Bahaa waltiin taakkan eegii citee ji'a hedduu
Karaan guddayyaan Booranaa fi Gujiin Bahaa waltiin taakkan eegii citee ji'a hedduu

Karaan guddayyaan Boorana Dirree fi Dirra Liibaniin taakkee Guji Bahaatiin walti daandan eegii citee ji'a hedduu
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:32 0:00

Karaan kun karaa guddaa.Yoo Mooyyalee Nageellee Booranaa, godina Gujii Bahaa dhaqan km 300 caala.

Karaa kana irraa dildilii/riqaan lama ji’a hedduun duratti Malkaa-Gubaatii fi Culul irratti citee yaasuma dhowwate.Riqaa kana bokkaa guddaa barana kute.

Riqaan/dildilii kun Malkaa-Gubaa Galaanii Daawwaa irratti cite.Daawwaan Booranaa fi Gujii jidduu baha..Riqaan/dildilii Daawwaa kun haga haga metirii 20-30 hin dheerata akki warrii achii dubbimne jedhetti.

Riqaa/dildila Culul:kanallee bokkaa guddaa Malkaa-Gubaa kutetti kute.

Warrii lafaa kara guddaa cite kana akkuma andaraafaa fi dalluutti herregata. Karaan kun karaa gabayaati. Cinnii isaa warra karaa kanaan fidamuu guddoo rakkisa.

Eegii karaan kun citee godinii lachuu karaa maraa martoo yaa’a.Awaasaa, Dillaa, Bulee-Horaatiin deebi’anii karaa silaa km 300 fi wayii kana km 1,000 deemanii horii guddaa baasanii walti yaa’an.Karaa martoo kanaan horii harkaa hedduu baasan.

Laga Daawwaan amma daattuun taakkan

Eegii riqan laga Daawwaa citee namii amma daattuun wal taakkisiisa.“Nama tokkooyyuu haga birria 300 faan taakkisiisan.” Namii tanaan lubbuu dahbelleen hin jiraa mi’a hedduu nama irraa guurratellee,” jedhan.

Karaan kun silaa adoo qajeelumatti deemanii siminto, Booba,Bulbul,Malkaa-Gubaa, Uudat, Yaaballo,Soodda/Meegga,Bokkuu-Luboomaa keessa bahee, Mooyyale keessa bahee Keenyaanuu dhaqan.

Hujiin karaa kanaa maan keessa jirti?

Akka itti gaafatamaan biiroo daandii baaddiyaa godina Gujii Bahaa, Roobee Duubee jedhetti riqaa Malkaa-Gubaatii fi Cululu Abbaa Taayitaa Karaa Itoophiyaatti damee Shaashamannee fi Wolaayitaa sooddootti hojjata.

Nageellee Booranaatii hagii Bulbul damee Shaashamannee jala jira jedhan. Achii kahee ammo Meegga gahutti damee Wolaayitaa sooddoo jala jira jedhan.

“Duraan yaaddoo nageennaatii fi lolaa haga dabreef jedhanii hojjachuu dadhaban akka aabba Roobeen jedhetti.Amma ammo karaa gama lamaaniituu hojjachuuf “abdiin eeganna.”

Karaa kana akka ariitiin hojjataniif kora Booranaa Gumii-Gaayootti taa’ee pirezidaantiin Oromiyaa,shimellis Abdiisaa itti dhufe irralleetti yaayyuu himatan.

Warrii lafaa karaa kana akka hadaraafaa fi dalluutti herregata laakkuma hujiin isaa turtuun warrii karaan kana irraa fidamu jireennii itti jabaata akka warrii lafaa jedhutti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG