Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniayaan Meeshaalee Waraanaa Sasalphaa Omishuu Aansite


Keeniyaan meesahalee waraanaa sasalphaa omishuu jalqabuu beeksiste.

Prezdenti Keeniyaattaan kaleessaa warshaa meeshaa waraanaa omishu kan magaalaa Naayroobiin ala, bakka Ruuyruu jedhamutti ijaarame eebbisiisaniiru.

Keeniayaan Meeshaalee Waraanaa Sasalphaa Omishuu Aansite
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:58 0:00

Yeroo kana dubbii dubbataniinis, warshaan kun meeshaa waraanaa Keeniyaan baasii guddaan alaa galchitu bakka buusuuf shora guddaa qaba jedhan.

Dabalaniis keeniyaan erga kolonii jelaa bilisa baatee meeshaalee waraanaa muraasa asitti omishamaniin ala maraayyuu baasi guddaatiin biyya alaarra galchaa akka turte dubbatan. ‘Warshaan meeshaa waraanaa amma eebbifame kuni, meeshaa waraanaa baasii qaaliin galchinu asitti omishachuuf nuuf ta’a,bu’aa bayii yeroo meeshaa binnu nu mudaturraa nu furaa, gama nageenyaan Keeniyaan of akka dandeessuuf gaariidha’ jedhan yoo dubbatan.

Dabalaniis Keeniyaattaan karoora gabaabaa fi dheeraatiin Keeniyaan omisha meeshaalee waraanaa ol guddisuu akka feetu himani. Biyyi isaanii Keeniyaan naannoo bahaa fi gaanfa afriikatti biyya meeshaa waraanaa omishtuu fi gurgurtu ta’uuf kaayyeffattee jiraachuus ifoomsaniiru.

Omisha meeshaa waraanaa amma jalqabde itti fufsiisuuf qorannoo akka gaggeessitu, dhabbilee omisha meeshaalee waraanaa omishan duuka hariiroon akka hojjettuu fi meeshaalee waraanaa ofii kalaqxee omishteef ammoo eyyama kalaqaa akka argattuuf hojjetti jedhan.

Keeniyaattaan warshaan isaan kaleessa eebbisiisan ala takkatti, qawwee gurguddaa kuma kudha lama ka omishu yoo tahu, meeshaalee dheedhiis harka caalu biyya keessaa argataa jedhan.

Warshaan waraanaa Ruuyruu kaleessa eebbisiisame baasiin siliingii biliyyoona 4 itti bahuus mootummaan Keeniyaa beeksiseera.

XS
SM
MD
LG