Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoota Amerikaa Wajjiin Dubbachuu Qabna: Keniyaa


Demonstrators wear mock prison outfits to show
Demonstrators wear mock prison outfits to show

Malaa maltummaan fi akkaataa qabiinsa herrega maallaqaa kan ilaaleen shakkii qabdu irraa ka’uun Yunaaytid Isteetes Doolaara Miliyoona 21 kan gargaasaan ministrii eegumsa fayyaa Keniyaaf kennaa ture Amerikaan dhaabdee jirti.

Naayroobii kan jiru Embaasiin Amerikaa Kibxata Kaleessaa kana beeksisee booda mootummaan Keniyaa yaaddoo qabu aangawoota Amerikaa ibsuuf yaala kan jiru ta’u beeksiise.Dubbi himaan mootummaa Keniyaa akka jedhanti sababaa Kanaan tajaajiilli eegumsii fayyaa addaan citu hin jiru.

Gargaarsii Amerikaa dhaabachuu irraa kan ka’e Bajata keenya fi iddoo qaawwaan jiru ilaallee guutuu ni dandenya jedhan.Gama kaaniin uggura ka’ame kana kaasisuuf waan guutamuu qaba jedhan sirreesina jedhan.

Embasiin Amerikaa kibxata kaleessaa maallaqnii kun dhaabchuu ilaalchisee akka labseetti tajaajiila lubbuu nama oolchan fi barbaachisoo ta’an akkasumas dawaaleen ergaman kallattiin lammiwwan Keniyaa dhaqqabuu qabu jedhee jira.

XS
SM
MD
LG