Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keenyaatti abbootiin lafaa godina Isiolo akka kampaanii NRT irraa kontoraata fuudhanii godina isaanii keessaa baasaniif gaafachumatti jiran


Boorannii Isiolo,Keenya akka kamaapanii NRT 'lafa ummataa saamte' achii baasan gaafachumatti jiran
Boorannii Isiolo,Keenya akka kamaapanii NRT 'lafa ummataa saamte' achii baasan gaafachumatti jiran

Booranii Keenyaa,Isiolo akka kampaaniin NRT "lafa horsiisee buulaa saame" achii baasaniif gaafachumatti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:33 0:00

Northern Rangelands Trust (NRT) kampaanii Keenyaa gama Kaabaatti kaloo ykn raanchii km kuma heddu jaarrattee bineensa baddaa horsiiftu.

Bara 2004 keessa seeraan hujii jalqabde jedhan. Akka abbootiin lafaa godina Isilo jedhanitti kampaaniin tun lafa warra horii irraa guurrattee biyya hiyyoomsuutti jirti.

Akka kampaaniin kun jedhutti hujin isaani jireenna horsiisee bulaa karaa hedduu wayyeessuu.

Horsiisee bulaa qofaa mitii bineesa Keenyaa badii dhowwa.Mala warrii horii jireena wayyaahaa qabaatu rakkoo uumamaa dandamatee jiraatu waan hedduun garaarti jedha.

Warrii lafaa ammoo NRT ufii duroomtee biyya hiyyoomsiti. Hiyyoomsuu qofaa mitii kaloo isaanii waraanaan eegatan. Tana malee gosa wal aasiftee akka ummatii rakkoo ufii hin himanne tolcuu jedhan.

NRT Keenyaa gama Kaabaatti akka marsa interneetii isaanii irratti agarretti fulaa kunryaatii raanchii ykn kaloo qaban. Kaloom tun gara km 12 ballatti jedhan.

Boorannii Keenyaa,Isiolo ardaa Carii jiraatu dhiyoo tana hiriira bahee akka NRT achii baatuuf gaafate.

"NRT bineesa ganna 13n dabran nama keenna balleessaa bahe. Ya obsinee dadhamne!” Rakkoo tana jaarrolee fi nama isaan bulchu itti filatanii mootummaa naannoo fi federaalaatti himatan.

Warra rakkoo horsiisee bulaa himachuufiitti jiru keessaa tokko major Jiloo Diimaati.

“NRT handhuraa keenna nurraa fudhatee,gosa wal aasisee namii heddun dhumate.”

Major Jilo Dima NRTn adoo abbootii lafaaiin hin mari’atan finna nurraa balleesse jedha. Akka major Jiloon jedhetti NRT mataa,tikaa,lafa bonaa fi ganna Boorannii horii itti tiffatee,bobbaafatu irraa fudhatee.

NRT bineensa horsiisa jedhullee akka abbootiin lafaa jedhanitti hujii daldalaa hojjata.Hoteeli jaarrata.Kaloo sun keessatti albuuba barbaadata.

Kaloon ykn raanchiin kampaaniin kun Isiolotti dallaa itti jaarrate akka jecha major Diimaatti,qaxxaamurii km 200.

Buuleessa-Billiqqoo fi Gootu faatilleen ardaa rakkoo akkanaa keessa jiran.

Lafa bal’oo fudhachuun isaaniitiif namii Buulessaa fi Billiqqoo irraa citee horiin walti gobbatee lafa walti dhiphise.Laftii kampaaniin NRT Isiolo keessaa abbootii lafaa irraa fudhatee dallaa itti jaarratte jedhan:

  • Bisaan kuraa
  • Bisaan miyoowaa
  • Maddoo gurbaa huqqaa
  • Nyaachisa(burqa beekamaa)
  • Kuraa bisaan oowwaa
  • Gaara Martii
  • Galaana Waasoo
  • Dira kooma

Lafa tana keessa akka abbootiin lafaa jedhanitti nama 10, 000tti keessa jiraata. Bulchiinsii Isiolo akka afi-yaahiin godina kanaa, Huseen Roobaa jedhetti laaluutti jiran.

“Ummataan wal mari’annee guyyaa 60 keessatti dubbii tana itti deebina,” jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG