Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaa fi Yunaaytid Isteetes Giddutti Daldala Jajjabeesuuf Hogganoonni Biyyoota Lameeni Mari’atan


Keniyaan Yunaaytid Isteetes waliin michooma daldalaa qabdu jabeessuu kan feetu ta’u prezidaant Uhuruu Keenyaattaa ibsan.Kunis lammiwwan Amerikaa Keniyaa keessatti hijii invastmentii irratti caalaatti akka bobba’an gochuuf ta’u ibsan.

Dhimma daldalaa fi nageenyaa irratti dubbachuuf jecha Prezidaant Donaald Traamp Wiixata kaleessaa prezidaant Keenyaattaa Waayit Haawus keessatti haasofsiisanii turan.

Hojii misoomaa fi invastmeentii Keniyaa irratti danqaa kan ta’e tokko malaamaltummaa Keniyaa keessaa fi biyya ollaa taate Somaaliyaa keessatti sodaa nageenyaa Al- Shabaab uumee ta’u ibsamee jira.

Hojii Investmentii biyya alaa Keniyaa keessatti akka hin jajjabaanne kan godhe mqalaamaltummaa ta’u ka biraan immoo sochii shoroorkeessotaa Al-Shabaab kan Somaaliyaa keessa kan maadheffate sodaa nageenyaa uumee ta’u ibsamee jira.

Keniyaan projeektii gurguddaa lama irratti hojjataa jirti. Daandilee gurguddaa kaampaanii Amerikaan hojjataman akkasumas daandii baaburaa Chaayinaan ijaaraa jirtu dha. Garu projektoonni lameen liqaa guddaa keniyaa irra jiru daran hammeessaa jiru.

Keniyaa fi Yunaaytid Isteetes Giddutti Daldala Jajjabeesuuf Hogganoonni Biyyoota Lameeni Mari’atan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:44 0:00

XS
SM
MD
LG