Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettoonni To’annaa Daandii Balalii Itiyoophiyaa Hojii Dhaaban


Dabala mindaa fi bu’aa adda addaa kan gaafatan to’attonni Traafika balalii xayyaaraa kan Itiyoophiyaa har’a hojii daabiinsa mormii gaggeessuu jalqabanii jiru. Balalii xayyaaraa biyyatti guutuummaatti cufuuf yaaluun sirri miti kan jedhe waajirri aangawaa sivilaaveshinii Itiyoophiyaa mormiin jiraatuus balaliin har’a kan danqamee hin jiru jedha. Waldaan to’attoota balalii xayyaaraa garu mormiin amma jalqabamesamii biyyatti irraa to’annaan dhabamsisuun balaa

Daandiin balalii Itiyoophiyaa hojii isaa itti fufee jira. Xayyaaronnis hojii isaanii idilee itti fufaniiru. hojjettoonni balalii qilleensaa to’atan garuu hookkara hoji dhaabinsaa eegalaniiru.

Hojjettoonni kun hookkara hoji dhaabinsaa kan jalqaban yeroo dheeraaf gaafataa kan turan dabala mindaa fi bu’aawwan ka biroon deebii waan hin argatiniif ta’uu ibsaniiru.
xalayaa kana ibsu illee muummicha ministeeraa Abiy Ahmediif erguu isaanii ibsanii jiran. Prezidaantiin hojjettoota to’annaa balalii qilleensaa obbo Fitsuum Xilaahun VOAf akka ibsanitti hookkara kana kan waame waldicha utuu hin taane dhiibbaa irra jiruun hojjettoota ta’uu dubbatan.

Kanneen hojii irra jiran immoo godinaan balalii biyyattii cufamuu hin qabu kun yakka biyya irratti hojjetamu guddaa fi badii dha kanneen jedhaniif walii galtee sana hin mallatteessine ta’uu dubbataniiru. Hojjettoota 74 keessaa garuu tokko iyyuu hojii irra hin jiran jedhanii, garuu humna namaa ga’aa hojii nu hojjechiisuu danda’u argannee jirra jedhan.

Yoo rakkoon uumame kanneen leenjii irra jiran hatattamaan akka hojiitti bobba’an gochuu akkasumas biyyoota ka biroo biraa deggersa gaafana malee balaliin kun qaruma cufamuu akkah in qabanne colonel Wesen Yelleh VOAf ibsaniiru.

Hojjettoonni To’annaa Daandii Balalii Itiyoophiyaa Hojii Dhaaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:15 0:00

XS
SM
MD
LG