WASHINGTON, DC —
Filannoo ardii Afriikaa akkaan itti dhiyeenyaan hordofamaa jiru keessaa tokko kan ta’een prezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Kenyattaa kibxata borii mormituu isaanii yeroo dheeraa Raila Odinga waliin dorgomuuf jiru. Dorgommiin sun walitti dhiyoo ta’uun isaa tilmaamamee jira.
Hedduun kaadhimamtoonni lamaan erga filannoo bara 2013 qabee duula filannoo geggeessuu hin dhaabne jedhu. Filanoon sun qalbii lammiiwwan keenayaa hawateera ka jedhut jira, kun immoo dhimma guddaa dha jedhu waa’ee siyaasaa ilaalchisuun ka barreessan Barrack Muluka.
Dargaggoonni Keeniyaa gama dhiyaa daandii magaalaa Eloret irratti jimaata darbe hiriira nagaa geggeessanii jiran.