Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kitaabni Seenaa Oromoo Kan Waggoota Dheeraa Duraa Ibsu Afaan Oromootti Hiikame


Kitaabni Seenaa Oromoo bara 1570-1860 keessaa ibsu tokko kana dura kan Dr. Mohammed Hassaniin Afaan Ingliffaan barreeffame Maxxanfamee ture. Kitaabni kun waggoota 20 booda fooyya’uun Afaan Oromootti hiikamee mana maxxansaa Oromiyaatti maxxanfamee gabaa irra oolee jira. Kitaaba kana gara Afaan Oromootti kan hiikan biyya Canada Vaankooveriin kan jiraatan Obbo Daawit Likkaasaa Bulchaa ti.

Kitaaba kana ijoo dubbii irraa utuu hin maqin toora utuu hin lakkisin dhaamsa yaada dhiyaatee bifa laafaa dhaan dhiyeessuuf kan yaalan ta’uu dubbatu Obbo Daawit.
Loqoda naannoo Oromiyaa keessa jiruun wal simsiisuuf kan na gargaare jedhan obbo Daawit, biyya Oromoo irra jireessa keessa jiraadheera gara kaan immoo dhaawwaddheera. kanaaf Oromiyaa mara keessa kanneen jiraaan lammiiwwan kitaaba kana yoo dubbisan sirriitti ni hubatu jedheen abdadha jedhan.

Gaaffii fi deebii kana guutummaa isaa MP3 tuquun dhaga’aa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG