Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kitaabota Erguun Wal Haa Gargaarru


Finfinnee kan jiru embasiin Amerikaa kitaabota kuma 12 ta’an Yuniversitiiwwaniif manneen barnootaa sadarkaa lammataaf kennuu isaa beeksisee jira. Kitaabota kanas kan argate As United States kutaa MN keessa kan maadheffate jaramyaa “Books For Africa” jedhamu biraa ti.

As United States keessa kanneen jiraatan gareen lammiiwwan Oromoo 30 ol ta’an walitti dhufuu dhaan Books For Africa biraa kitaabota bifa badhaasaan argatan kanneen kuma 30-40 ta’an gara biyyaatti erganii jiran. Kitaaboota kana walitti qabuu fi erguu isaa kanneen qindeessan keessaa tokko Aadde Yeshii Tolosaa ti.

Aadde Yeshiin akka jedhanitti Kitaabota kana akka qajeelfama barnootaa ykn Curriculum-tti addaan baasuuf oguma barnootaa adda addaa namoota qaban waliin ta’uu dhaan irratti hojjenne jedhan.

Kitaabonni kunis bakka akeekameef ga’ee manneen barnootaaf raabsamee jira. Barattoonni fi barsiistonnis kitaabota kanatti gargaaramaa akka jiraniif bu’aa argamsiisaa akka jirus aadde Yeshiin tuqaniiru.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG