Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komaandar Nagaraa Dhufeeraa Har’a Gadhiifaman


Faayilii - Kaadhimamtootni Koolleejji Barnoota Barsiisota Mattuu fi Hawaasni Magaalaa Mattuu Hiriira Bahuun Ajjeechaa Lammiilee keenyarratti raawwatame balaaleffachuun Gadda qaban ibsatan.
Faayilii - Kaadhimamtootni Koolleejji Barnoota Barsiisota Mattuu fi Hawaasni Magaalaa Mattuu Hiriira Bahuun Ajjeechaa Lammiilee keenyarratti raawwatame balaaleffachuun Gadda qaban ibsatan.

Waajiira Komaand postii Qaxanaa afur isa magaalaa Naqamtee jiru biraa qajeelafama kennameen baatii lama caalaaf to’annaa qajeelcha polisii godina Iluu Abba Boor jala kan turan hogganaan polisii magaalaa Mattuu Komaandar Nagaraa Dhufeeraa har’a waaree booda gadhiifamuu isaanii beekamee jira.Himannaan ituu irratti hin dhiyaattiin yeroo dheeraaf turuu isaanii mormuun komaandar Nagaraan dargaggoota to’annaa jala oolan saddeet waliin mana murtii sadarkaa olaanaa godiinaatti iyyachaa turan.Guyyaa kaleessaa ajaja haaraa darbeen komaandar Nagaraan hanga murtiin tokko kennamuutti to’annaa jala akka turan komaandii postiin Naqamtee irraa qajeelfama kennee ture.

Har’a garu waajirri abba alangaa godinaa waamee hidhaa akka ba’an ka itti himee yoo ta’u himata haaraa irratti dhiyaata jechuun kan kaleessa mana murtiitti dubbifameef kan ilaaleen wanni itti himamee hin jiru.Dargaggonni Komaandar Nagaraa maatii isaanii waliin wal arguu kanneen itti dhiyeenya qaban ibsanii jiran.

Garu Dargaggonni 8 kanneen Komaandar waliin mana murtiitti iyyataa turan akka hin gadhiifamiin maddeen ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG