Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishinni Araaraa Ibsa Baasee Jira


FAAYILII - Gabaa Markaatoo, Finfinnee, Adollessa 2022.
FAAYILII - Gabaa Markaatoo, Finfinnee, Adollessa 2022.

Komishiniin marii biyyoolessaa kan Itiyoophiyaa walakkeessa waggaatti ajandaalee marii, hawaasa irraa walitti qabuu akka eegalu beeksisee jira.

Komishinini kun ibsa har’a baaseen, bulchiinsa naannoo Tigraay irraa kan hafe naannolee hundatti imaluun dhimma walta’iinsa irratti qooda fudhattoota waliin mari’achuu isaa beeksisee.

Miseensi koomishinichaa kan ta’an Dr. Yonas Adayee RSA akka ibsanti, dhimma naannoo Tigraay tti imaluun danda’amu irratti, bakka bu’aa olaanaa gamtaa Olusheeguun Obaasaanjoo waliin mari’achaa turuu isaa beeksisanii jiru.

Mariin kun hunda kan hirmaachise ta’us, qaamotni qabsoo hidhannoo keessatti hirmaatan mootummaa waliin mari’achuun meeshaa waraanaa lafa kaa’uu fi qaama marii biyyoolessaa ta’uu akka danda’an komishinichi akeekeera.

Komishinichi namoota naannoo waldhabdee keessa jiraatan karaa aadaatiin akka wal argu beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:19 0:00
More
XS
SM
MD
LG