WASHINGTON, DC —
Mummichii Ministeera Itiyoophiyaa Haaylee Maariyaam Dassaaleeny Kamisa Bitooteessa 10 bara 2016 paarlaamaa biyya isaaniif haasawaa dhageesisaniin haala Oromiyaa keessatti gaggeeffamee balleessaa paartii biyya bulchuu fi kan mootummaa ta’uu ibsanii turan.
Bulchiinsi gaariin dhabamuun illee rakkoo mudatee keessaa tokko ta’u ibsan. Paartii mormituu kan ta’e Kongreesa Federaalistii Oromoof itti aanaa dura taa’aa kan ta’an Obbo Mulaatu Gammachuu balleessaa hojjanne yoo jedhan warra hidhan guutummaatti haa hiikan, warra ajjefameef gumaan haa baafamu akkasumas raayyaan waraanaa kan magaalaalee fi baadiyyaa Oromiyaa keessaa maadhee isaatti haa deebi’u jedhu.