Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongreesnii Amerikaa Maallaqa Dhiyaate Raggaasisee Jira 


Alaabaa Yunaaytid Isteets fi Yukireen fundura mana maree Ameerikaa, Bitootessa 5, 2022
Alaabaa Yunaaytid Isteets fi Yukireen fundura mana maree Ameerikaa, Bitootessa 5, 2022

Doolaara Triliyoona 1.5 kan raggaasisee yoo ta’u kunis waajiroonni mootummaa akka hin cufamne gochuuf akkasumas kan duula waraanaan rakkataa jirtu Yukreeniif gargaarsa hatattamaa gochuuf ta’uun ibsamee jira.

Paartileen lameen walii wajjiin sagalee kennan 68 fi 31 ta’een Doolaara Biliyoona 13.6 gargaarsa dhala namaaf akkasumas kan hatattamaaf kan ooluu Yukreeniif akka kennamu raggaasiisan.

Weerara Raashaan Yukreen irratti gaggeessite lubbuu namoota kuma hedduu galaafatee uummanni biyyatti Miliyoona lama caalan gara biyyoota ollaatti akka baqatan taasisee jira.

Hogganaan paartii yayyabaa kan seeneetaa Chaak Shuumar sagaleen ituu hin kennamiin dura akka jedhanti Yunaaytiid Isteetes uummata Yukreeniif waadaa seentee qabdi.Kunis duula waraanaa vlaadmir Putiin irratti gaggeeffamu keessatti qophaa keessan hin taatan kan jedhu ture.Kana malees maallaqa dhiyaate kana seeneetnii raggaasifnaan Amerikaan waadaa seente ni kabajji jedhan.

Manni maree bakka bu’oota uummataa Robii dabree seera dhiyaate kan raggaasise yoo ta’u prezidaant Baaydiin akka mallatteessaniif ergamee jira.

Itti gaafatamtuun preesii kan masaraa Waayit Hawuus Jeen Saakii akka jedhanti miseensonni paartileen lameen walitti dhufuun waan uummata Amerikaaf bu’aa qabu argamsisuu akka danda’an mirkaneessa.

XS
SM
MD
LG