Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiinii mirga namooma Itoophiyaa akka jecha bulchiinsa isaatti hujii hojjachuuf dhaabbilee fi mootummaa tokkolleetti hin hirkatu


Ethiopia Human Right Commission
Ethiopia Human Right Commission

Koomishiinii mirga namooma Ioophiyaa ajensii mootummaan Itoophiyaa mirga namaatiin jabeessuu fi rakkoo jirtuun qoratu.Koomishiinii kun ufumatti hirkatee hujii itti dhugeeffate hujii qajeeltu jedhe hojjata.

Dhiyoo tanallee rakkoo fi jeequmsa ijjeechaa weellisaa Oromoo beekamaa Hacaaluu Hundeesssaa duuba dhufte jedhellee qorate baase. Akka koomishineer Daani’eel Beqqelee dhiyoo tana gaazexeessitoatti himetti hujiin isaan hojjatan ta paartii tokkolleen gargaaruuf hojjatanii miti.

“Hujii qajeeltuu, qulqullitti hojjanna.Waan mootummaa nu qajeelchu ykn dhaabbileen dhibiin karaa nu agarsiisan hin qamnu.Seeraa fi qajeelfama dhaaba mirga namoomaa qofaan hojjannaa shakkiillee hin qamnu. Tanumaaf dhaabbilee fi mootumootilleen hujii teenna ilaalanii gorsa keennallee fudhatan.”

Akka jecha isaatti dhaabbilee fi qaamii gara garaa ammoo hujii isaanii siyaasaan fakkeessa.Qorannoo isaaniif taatu deeggaranii taan ammoo falman tun woma jiraati akka jecha isaatti.

Koomishiinii kun dhiyoo tanallee qabiinsa mirga namaa Itoophiyaa qoradhe jedhe miidiyaatit gadi baase.

Waan jedhan keessaa mirga dhabiiti mannene hidhaa Itoophiyaa keessaa mumullataati. Itoophiyaa fulaa hedduutti warra akka hidhaa bahan manneen murti hajajan ammallee hidhaa jiraatti jira. Warra wabiin bahu dhowwatanitit jira akkii manneen hidhaa itti jiran waan nama yaaddessaati jedha.

Manneen hidhaa magaallan naannolee namii keesatti miidhametti jira jedhee gaazexeessitotatti home koomishineera Daaniheel Beqqelee. Akka jecha isaatti manneen hidhaatii keessaa wannii wayyaahe hedduutti jira. Taatullee rakkoolee mootummaan wal falamaa,mari’achuu isaanii mirkanse dhaabii kun.

Haataatuu ammoo Itoophiyaa keessa gama kanaan waan wayyaahe hedduutit jira akka gabaasa koomishiinii mirga namaa Itoophiyaatti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG