Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishiner Zeeyinuu Jamaal: Ajjeechaan Buraayyutti Geggeessame Ginbot 7 fi ABOtti Fakkeessuuf Ka Dursamee Qindeessame 


Koomishiner Zeeyinuu Jamaal
Koomishiner Zeeyinuu Jamaal

Koomishinarri Koomishina Poolisii Itiyoophiyaa, Zeeyinuu Jamaal, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, qorannaan geggeessame akka hin xurmuramiin eeranii, garuu ragaan haga ammaatti haga ammaatti agarsiisutti, dhaabota siyaasaa guguddoo dhiheenya karaa nagaa qabsaa’uuf mootummaa Itiyoophiyaa wajjiin walii-galanii biyyatti galan – kanneen ilaalcha siyaasaa isaaniin baay’ee addaan fagoo tahanitti fakkeessuudhaaf, itti yaadamee – dursamee qindeessamee ka geggeessame tahuu isaa ti – jedhu.

Dhaabonni isaan itti fakkeessuun qindeessan – dhaaba Ginboot Toorbaa fi Adda Bilisummaa Oromoo akka tahe ka dubbatan – Koomishiner – Zeenuu Jamaal, dhaabonni sun garuu, gonkumaa kana keessaa akka harka hin qabne eeran.

“ Isaan bifa kamiinuu keessa hin jiran. Isaan, inumaayyuu, mootummaa gargaaruudhaaf, biyya ijaaruu irratti gargaaruuf, qabsoo karaa nagaa geggeessuuf murtanii kan galan tahuu isaanii Mootummaan sirriitti beeka. Kun ifaadhaa. Maqaa isaaniitiin daldaluudhaaf yaalamaa jira,” jedhanii, qaamni dursee gurmaa’ee kanatti bobba’e jiraachuu dubbatan.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:26 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG