Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kora Gumii Gaayoo 41essoo Abbaan Gadaa Booranaa, Kuraa Jaarsoo Yaame Dhaasitti Taa'uutt Jiran


Kuraa Jaarsoo, Abbaa Gadaa Booranaa 71essoo
Kuraa Jaarsoo, Abbaa Gadaa Booranaa 71essoo

Kora Gumii Gaayoo abbaan gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo Yaame Gaayotti iti jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:47 0:00


Gumii Gaayoo (Gada General Assembly) kora abbaan gadaa Booranaa eegii baallii fuudhee ganna afreessootti yaamu. Haga ammaatti ganna 41 taa’an. Abbaa Gadaa Booranaa 31 Daawwee Gobbootti bara 1698 keessa yaame jedhanii eegii suniiyyuu ittuma jiran.

Korii namuufuu dhowwaa hin qamne kun seera baasaa seera jissa dubbii hedduu mura.

Gumiin Gaayoo akka abbaan gadaa Booranaa, Kuraa Jaarsoo jedhetti haga ammaa marroo lama qofa hin taa’in.

Gadaa Haroo Adii,abbaa gadaa 52essoo dhukkuba ka’aa fi diddigaa lafa dhufee hanqise.

Gadaa Aagaa Adii abbaa gadaa 61essoo waraana Xaliyaanaatti hanqise. Dubbiin kora Gumii Gaayoo dhuftu dubbii jabduu fi muraa jabduu.Kora kana irratti dhiphuu fi bal’inna gosaaa dubbatan

  • Seera dhawaa fi dhibaayyuu

Dhiba haraa fi eelaa

Marraa fi bisaanii

Hiyyeesaa fi hiyyettii

Aada-malee biyyaan baate

Rakkoo maatii fi waan kana fakkaataa hedduu dubbatan

Dubbiin gugurdoon kora Gum ii Gaayoo dhuftu dubbii jaarsaa fi jaartiin, Raabaa fi Gadaa dadhaban. Korii Gumii Gaayoo kora murtii gosaa jajjabduu itti muran.Kora akkanaa kana durii ji’a tokko caalaayyuu hin taa’an.Godaananii itti qubatan nyaataa fi dhugaatii haga guddaan gosatti dandaha.

Boorannii damee lama qaba;Sabboo fi Goona. Gosa lamaanuu jala damee hedduutti jira. Gaafa kora kanaa gochii cuftii gaaddisa ufii qabdi jedha Abbaan Gadaa Booranaa 71essoon Kuraa Jaarsoo yo waan kora kanaa ardaa jilaatii VOA Afaan Oromootti hime.

Kora Gummiitiin duratti qaraa gosaa fi miiloon gaaddisa ufiitti waliin taa’a.Gosaa fi miiloon dameelee gosa Booranaa wal jalaan jirtu.Dhiphuu fi bal’inna gosa fi damee isaanii mari’atnii achii Gumiittiin deebi’an.Gaaddisa gosaa fi miiloo malee barana korii Gumii guyyaa afur taa’a.

Achitti ammoo mura gosaa jajjabduu,seera qajeelchaa fi ka qajeele jabeessuuf dubbii muran.

Korii kun laafinnaa fi jabeenna abbootii gadaallee hin qorqorataa seera jabaa bahellee hin labsaa ka laafellee hin hanqisa.

Kora Gumii Gaayoo ka baranaa eegii jalqabanii torbaan tokko keessa jiranii torbaan dhufaa keessa muraa jabduu dhagahuu hin oolan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG