Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koree Haajaa Alaa Kan Seeneeta Amerikaa Wixiinee Dhiyaate Dabrsee Jira


Ibsa barreeffaman marsariitii Kaoree haajaa alaa kan mana maree seeneetaa irratti dhihaate keessaa
Ibsa barreeffaman marsariitii Kaoree haajaa alaa kan mana maree seeneetaa irratti dhihaate keessaa

Kaoreen haajaa alaa kan mana maree seeneetaa mata duree Itiyoophiyaa keessatti nagaa fi Demookraasii jajjabeessuu jedhuun wixinee seeraa S- 3199 jedchuun dhiyaate irratti foyya’iinsa hanga tokko eega taasisee booda dabarsee jira.

Kunis miseensoota walii galaa kan mana mareen akka raggaasifamuuf kan ergame yoo ta’u seera ta’e ba’uuf mana maree seera baasuu biraa caalmaa sagalee argatee prezidaant Baaydiniin mallatteeffamuu qaba.

Rakkoo Itiyoophiyaa keessaa furuuf wixinee seeraa kun ni barbaachiisa kan jedhan lammiwwan Itiyoophiyaa fi hidda dhalata Itiyoophiyaa qaban mana maree biyyatti duratti hiriiruun deggersa qaban ibsuun wixineen kun akka raggaasiifamuu gaafatanii jiru.

Gama kaaniin immo, uggurriii wixinee kana keessa jiru walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessaa furuu manna hawaasa biyyatti rakkoo amma jiru caaluuf saaxiila kanneen jedhan lammiwwan Itiyoophiyaa fi hidda dhaloota Itiyoophiyaa ta’an kaleessa hiriira mormii ba’anii jiru.

Wixineen seeraa koreen haajaa alaa kan seeneetaa dabarsee 3199 yeroo duraaf kan dhiyaate baatii Sadaasa dabree yoo ta’u isaan cinatti immo, HR 6600 kan jedhamu kan Itiyoophiyaa keessatti tasgabii nagaa fi demookraasii buusuuf jechuun kan murtii mana maree seera baasuun dhiyaatee koreen hajaa alaa akka ilaaluuf ergamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG