Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korri Waldaa Qorannoo Oromoo Xumurame.


Kora Waldaa Qorannoo Oromoo-2010
Kora Waldaa Qorannoo Oromoo-2010

”Sirni Gadaa dagatamuu hin qabu, kan qabsoo oromoo milka’inaan ga’u immoo qabsoo karaa nagaa gaggeeffamu” jedhu Proofeesar M.I. Aguilar.

Waldaan Qorannoo Oromoo OSAn kora isaa 24ffaa Waashingten DC keessatti gaggeeffate xumuree jira.

Awuroopaa, Kaanaadaa fi Yunaytid Isteets irraa beektoota Oromoo fi kanneen Oromoo hin ta’iin heddutu kora kana irratti hirmaate.

OSAn eega hundeeffamee as uummata Oromoo ilaachisee waan jiru hubachisuu fi barsisuu irratti fuuleeffatee jabinaan hojjataa jira, kan jedhan prezidaantiin OSA Dr.Haayilee Hirphaa,dhimmootii Oromoof barbaachisoo ta’anii fi haala Gaanfa Afrikaa keessa jiru hubachisaa ture, ammas ittuma jirra jedhan.

Dura tessuun Boordii Daayreekteroota OSA,Bonnie Holokomb, waggaa kana keessa mul’ata ifa ta’e kan guddina OSA irratti fuuleffate akkasumas guddina qorannoo kan akeekaa lafa ka’amee jajjabeessuu fi fixaan baasuu gaggeessuun milka’inni argamuu dubbatan.

Professar M.I.Aguilar Yunivarsitii St. Andrews kan biyya Scotland irraa, Borana keessaatti waggootii afuriif qorannaa gaggeessaa akka turan ibsanii,sirnii Gadaa kunuunsamuu malee dagatamuu hin qabu , jechuun hubachiisan. Namonni duriis rgaga baatoota bara durii waan ta’aniif kabajamu qabu, kan jedhan professer Aguilar,qabsoo karaa nagaa gaggeefamutu uummata Oromoo gargaara, jedhu.Dhimmoota Oromoo ilaallatan irratti Ministrii dantaa alaa biyya isaanii waliin kan hojjetaa jiran ta’u illee ibsanii jiran, professer Anguilar.

Kora kana irratti mata duree adda addaa tu hayyoota Oromoo fi kanneen Oromoo hin ta’iniin dhihaate.Sagantaalee garafuuladuraatti qabaannu keessatti kan dhiyessinu ta’uu beeksiifna.

Gama kaaniin,OSAn dhaabbatootaa fi namoota dhunfaaf badhaasa ka kenne yoo ta’u,VOA sagantaan Afaan Oromoo 'Waa'ee Oromoo oduu madaalawaa uummata Oromoo fi Addunyaaf dabarsuun' jedhamuun badhaafamtoota keessaa tokko ta’ee jira.

VOA / sagantaa Afaan oromoo
VOA / sagantaa Afaan oromoo

Waa’ee Oromoo barressuun yeroo dheeraaf ka beekaman Dr. Paul Baxter, badhaasa milka’iina hojii umurii guutuu argatan. Kanneen birooniis qooda gaarii gumaachaniif badhaafamanii jiran. Qophii guutuu sagantaalee keenya irraa dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG