Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsiin Yeroo Muddamaa Paarlaamaa Keessatti Mormii Guddaatu Isa Mudate


Abbaa Duulaa Gammadaa

Mana maree ministeerotaan ba’ee paarlaamaa Itiyoophiyaaf kan dhiyaate labsiin yeroo muddamaa haala ammaan dura hin baratamneen mormii guddaan eega isa mudatee booda raggaasifamuu oduu gabaasaan keenya Iskindir Freew Finfinnee irra gabaasee jira.

Akkaata itti sagaleen kennamees jaarmayoota ADWAUI keessa jiran arfan giddu adda addummaa jiru ifa kan baase ta’uus kanneen ibsan jiru.

Oromiyaa kan bakka bu’an miseensoonni paarlaamaa 95 labsiin kun raggaasifamuu hin deggerre. 88 mormanii kanneen biroon 7 immoo sagalee kennuu irraa of-qoqqobanii jiru.

Dhuma irratti garu raggaasifanuu isaa kan achitti argame oduu gabaasaan Raadiyoo Sagalee Amerikaa Iskindir Freew Gabaasee Jira .

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:06 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG