Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lafeen Mataa Qqaccee Yokaan Sanyii Dhala-Namaa Itiyoophiyaa keessatti argachuu isaanii Saayintistoonni Beeksisan


Saayintistoonni, Roobii dabre kana, lafeen mataa qaccee yokaan sanyii dhala-namaa kan umurii waggaa miliyoona sadi’ii fi kuma dhibba saddeet gahu Itiyoophiyaa keessatti argachuu isaanii beeksisan.

Lafee mataa argame kun, garii ka mataa qamalee garii immoo ka mtaa namaa wajjiin wal-fakkeenya qaba jedhama.

Lafeen mataa kun maqaan “MRD” jedhamuun moggaasame kun, uumama gara sanyii dhala-namaa Awustroolippikas Anamensis jedhamuutti guddatatee agarsiisu tahuu mala jedhama.

Qacceen yokaan sanyiin, Awustralopitekas Afarnessis yokaan maqaa Luusii jedhamuun ka moggaafamee fi bara 1974, naannoo Affaar keessatti kan argame waliin hidhata kallattii akka qabu tu dubbatama. Lafeen mataa kun, achuma Affaar keessa bakka Luusiin itti argamte irraa kiiloo meetira 55 irratti bara 2016 argame jedhama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG