Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Baqattoota Naannoo Tigraay Irraa Gara Sudaanitti Yaa’an Dabalaa Jira:UNHCR


Sudan Ethiopia
Sudan Ethiopia

Baqattoonni naannoo Tigraay kannen 30,000 ol ta’an gara Sdaanitti baqachuu isaanii dubbi himaan Babar Baloch beeksisaniiru.

VOAf akka ibsanitti guyyaa guyyaatti lakkoobsi baqattoota gamasii yaa’anii akkaan hedduu yoo ta’u kunis 4,000 jedhan. Dubartoota, ijoollee fi dhiironni waraansa naannoo sana raasaa jiru jalaa dheessaa kan jiran yoo ta’u knis rakkoo namoomaa guddaa dha jedhan.

Dubbi himaan kun akka jedhanitti lolli akkuma hammaataa adeemeen baqattoonni itti dabalaa gara Sudaanitti yaa’uu itti fufu. Itiyoopiyaaf nageenye akka dhufu barbaanna. Kanaaf gareen martinuu dubbiif wal barbaaduu dhiisanii jireenya sivilotaaf kabajaa akka agarsiisan UNHCR waamicha dabarseera jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG