Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiileen Alaa Kumaatamaan Lakkawaman Daangaa Taayilaand Irratti Danqamanii Jiran


Lammiileen Alaa Kumaatamaan Lakkawaman Daangaa Taayilaand Irratti Danqamanii Jiran
Lammiileen Alaa Kumaatamaan Lakkawaman Daangaa Taayilaand Irratti Danqamanii Jiran

Lammiileen Alaa Kumaatamaan Lakkawaman Wiirtuu Hojii Gowwoomsaa Interneetiin Maaynamaar Keessatti Geggeessamu Hin Jirre Daagaa Taayilaand Irratti Danqamanii Jiran

Lammiileen biyya alaa kumaatamaan lakkaa’aman kanneen wiirtuuwwan gowwoomsaa onlaayinii Maanmaar keessatti hojjetan irraa bilisa ta’an, daangaa Taahlaand irratti danqamanii jiru.

Kunis biyyoota hedduu mooraawwan gareewwan yakkamtootaan geggeeffaman irratti erga tarkaanfii fudhatamee booda ta’u maddeen sadii dhaabbata oduu Rooyitarsiif Wiixata har’a Rooyitarsiif himaniiru.

Torbannen darban kan dhiyeenyaa keessa aangawoonni Chaayinaa, Taahilaandi fi Maaynamaar wiirtuuwwan gowwoomsaa fi hojiiwwan seeraan alaa toora interneetiin hojjetaman diiguuf yaalaniiru.

Kunis qaama mooraawwan seeraan alaa guutuu Eeshiyaa Kibba Bahaa keessatti kuma dhibbaan lakkaa’aman kanneen hojii yakkaa gaggeessaniin daldalamanii akka ta’e Tokkummaan Mootummoota ibseera.

Poolisiin Taayilaand fi Kaamboodiyaa gamoo magaalaa daangaa tokko keessa jiru weeraruun lammiilee biyya alaa 215 bilisa baasuu isaanii qondaalli olaanaa Taayilaand Dilbata kaleessaa ibsaniiru.

Gareeleen hidhatan kan Miyanmaar lama - yeroo ammaa hojjettoota giddugala gowwoomsaa duraanii gara 7,000 qabatanii jiru. Garuu gara Taayilaanditti erguu akka hin dandeenye jechuun, qondaalli nageenyaa Taayilaandi fi hojjettoonni gargaarsaa lama himanii jiru.

''Hedduun isaanii haala hin beekamneen kan qabaman yoo ta'u, deebii kennuu dhabuun Taayilaandi miidhaa guddaa geessisaa jira,'' jedhan hojjettoota gargaarsaa keessaa tokko. Yeroo ammaa gama daangaa Taayilaandiin. "Miidhaamtoonni kun ammas deebi'anii miidhamuu maluus jedhan."

Ministeerri dhimma alaa Taayilaandi akka jedheetti yeroo ammaa dhaabbileen namoota bilisa bahan gara fuulduraatti dabarsanii kennuuf karoorfatanii jiru. kunis ''qophii Imbaasiiwwanii ykn biyyoota jalqaba irraa ka'an irratti hundaa'uun kan itti fufuu dha jedhee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG