Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroo Waraanni Sudaan Keessaa Xiqqoo Gab Jedhetti Lammiileen Waan Nyaatanii fi Meeshaalee Bitachuuf Baba’aa Jiran 


Namoota suuqii keessaa miha bitachaa jiran, Kaartum, Sudaan, Ebla 26, 2023.
Namoota suuqii keessaa miha bitachaa jiran, Kaartum, Sudaan, Ebla 26, 2023.

Lammileen Sudaan sababaa wal waraansaan ammayyuu nyaata fi boba’aa argachuuf rakkachaa akka jiran gabaasameera. Gareeleen lamaan, gara marii nagaatti akka dhufan gaaffiilee dhihaataa turaniifis haga tokko deebii qajeelaa kennan, jedhama. Lammileen Sudaan sababaa wal waraansaan ammayyuu nyaata fi boba’aa argachuuf rakkachaa jiraachuu himu.

Humnoonni waraanaa Sudaan keessatti wal waraanaa jiran sa’aatiiwwan 72 f wal waraansa dhaabuuf walii galaniyyuu kamisa har’aa humni waaraanaa Suudan jeneraal Alburahaaniin durfamu tarkanfii haleellaa xiyyaaraa waraana humna Addaa Mohaammed Hamdan Daglo irratti fudhateera. Roobii dabarsine kana humni waraanaa Sudaan Jeneraal Albuharaniin durfamu sochii karaa IGAD taasifamaa jiruun biya ollaa Sudaan Kibbaa magaalaa Juubaa keessatti humnoonni waraanaa lamaan wal waraanaa jiran waliin dubbiif akka taa’uuf jiran himaniiru. Burhaan itti dabaluunis Waraana dhaabuu sa’aatiiwwan 72’ f amma taasifamanii jiran itti fufsiifuuf wixinee karaa IGAD dhiyaaterratti gama keenyaan fudhanneerra jedhaniiru. Wixinee waliin dubbii karaa IGAD dhiyaate kanaaf gama humna waraanaa Mohamed Hamdan Daglo’n durfamuun deebiin kenname hin jiru.

Sudaanitti Walii galtee waraana dhaabuu Sa’aatiiwwan 72’f taasifametti fayyadamuun lammiileen Sudaan Magaalaa Kaartuum keessaa waantoota nyaatanii fi dhugan bitachaa jiru. Magaaloota Obdurman keessattis namoonni suuqiidhaa waantoota barbaachisoo ta’an bitachuuf hiriira guddaa hiriiranii mul’atu. Garuu Suuqiiwwan baayyeen waan barbadaa’aniif namoonni baayeen Daabboo, Bishaan fi Gaaza akka dhaban himu.

Gidduu seentummaa Ameerikaan wal waraansicha Sa’aatiiwwan 72 ‘f walii galteerra ga’amuyyuu magaalaa Kaartuumiin alatti gama lixa biyyattii Daarfuur Magaalaa Geneina Keessatti wal waraansi itti fufuu namoonni ijaan argine jedhan dubbataniiru. Jiraattoonni naannoo sanaas gara biyya ollaa Chaditti baqachaa jiraachuutu dhaga’ame. Roobii dabarsine kana Ejeensiin gargaraasa Namoomoomaa Jaarmiyaa Mootummoota Gamtoomanii gabaasa baaseen Daa’imman 50,000 ta’an hir’na midhaan nyaataaf saaxilamaniiru. Kana malees namoonni 270,000 biyya ollaa hiyyeettii taate Sudaan kibbaa fi Chad tti godaanuu akka malan akeekkachiiseera.

Hanga ammaattis Namoonni sababaa Wal waraansaa kanaan Sudaan irraa baqataa jiran biyyoota ollaa Ruppaabulika Afrikaa waltaa , Chad, Ejiipti , Itiyoophiyaa fi Sudaan kibbaa seenaa akka jiran gabaaseen argadhe ni ibsa jedhe Dbaanni Mootummoota Gamtoomanii.

Gabaasa Ministira Fayyaa Sudaan irraa argameenimmoo hanga ammaatti namoonni 512 ta’an wal waraansa kanaan du’uu fi namoonni 4,193 immoo madaa’auu ibsa.

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Gargaarsa Fayyaa Gara Sudaanitti Akka Ergaa Jiru Beeksise

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Meeshaalee wal’aansaa fi qorichoota garaagaraa gara Sudaaniitti erguuf akka jiru beeksiseera. Hogganaan Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adhaanoom Ibsa Sabaa himaaleef kennaniin lakkoofsi namoota Sudaan keessatti du’anii dabaluu mala jedhan. Kunis sababa wal waraansaa kanaan lammiileen Sudaan baayeen Bishaan dhugaatii fi nyaata aragachuuf rakkoo hamaa keessa jirachuuni jedhan.

FAAYILII - Waajjira muummee DHabbata Fayyaa Addunyaa, Jeenevaa
FAAYILII - Waajjira muummee DHabbata Fayyaa Addunyaa, Jeenevaa

Wal waraansa guyyoota 10 darban keessatti taasifameen haala laphee nama cabsuun dhiigni lammiilee Sudaan hedduu dhangala’eera kan jedhan Dr. Teediriwoos haala kanaan dura Sudaan keessa tureeniyyuu lamiileen Miliiyoona 16 ta’an deeggarsa barbaadu ture.

Jaarmiyaan Fayyaa Addunyaa qorichoota barbaachisaa ta’an ,Huboowwan Dhiigaa ,meeshaalee baqaqsanii yaaluu fi meeshaalee wal’aansa ariifachiisoo ta’an gara Sudaaniitti erguuf qopheessuu kan himan Dr Tewoodiroos garuu haalli nageenya achi jiruu meeshaalee kanneen achiin ga’uuf murteessaadha jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG