Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Ameerikaa Filannoo Taajjabuuf Itiyoophiyaa Deeman Kutaa Hoteelaa Keessatti Du’anii Argaman


Wiirtuu filannoo, Finfinnee, Waxabajjii, 21, 2021
Wiirtuu filannoo, Finfinnee, Waxabajjii, 21, 2021

Poolisiin Finfinnee kutaa hoteela qabatee keessatti du’ee kan argame dhimma tajjabaa filannoo lammii Ameerikaa ka qulqulleeffataa jiru tahuu beeksisee jira.

Filannoo kaleessa Itiyoophiyaa keessatti geggeessame hordofuudhaaf, Waaltaa Kaarter ka biyya Ameerikaa irraa kan dhufan lammiin Ameerikaa Joorj Maarsh jedhaman, magaalaa Finfinnetti kutaa hoteelaa qabatan keessatti du’anii argamuu isaanii kan himan Koomishinii Poolisii Finfinneetti, Daarektarri Quunnamtii Uummataa Komaandar Faasikaa Faantaa VOAf akka ibsanitti, namni kun Hoteela Raadisan Bluu qabatan keessatti du’anii argamuu isaanii ka poolisii quba qabaachise, hojjettuu qulqulleessa hoteelichaa ti.

“Hojjettuun qulqullaa’inaa akkkuma baratametti hojiif kutaa sana ennaa seentu lubbuun isaa darbee waan agarteef akka poolisiitti himamu itti-gaafatamtoota dhimmi ilaallatu achuma biiroo jiranitti himtee, isaan immoo poolisiitti himanii, haaluma kanaan, poolisiin gurmuu qorattootaa gara sanatti erguudhaan reeffi isaa achii ka’ee gara dhaabbata eegumsa fayyaatti ergamu taasisame,”jedhan – Komaander Faasikaan. Sababaan du’a isaa ka qoratamaa jiru tahuullee dubbatan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Lammiin Ameerikaa Filannoo Taajjabuuf Itiyoophiyaa Deeman Kutaa Hoteelaa Keessatti Du’anii Argaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:52 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG