Chiileen namii isii lafa Albuuda baasan keessatti ji’a lamaaf awwaalamee muddamsuu keessa turte taan hardhaa jalqabdee gammachuu addunyaalleen itti dabalamteef keessa jirti.
Jarii albuuda baasu namii 33 guyyaa 69-tiif dhagaan itti dhaqatee lafa isaan bahaniin itti cufee bahuu dhowwee eda halkan walqixxee jaqabee fala addunyaan itti wal gargaarteen bahuutti jira.
Haga ammaatti nama 18 bahe.Kaanillen baasuuf ittuma jiru.Nama boolla albuuda baasaniif keessatti laftii itti gadi citte keessaa gurbaa ganna 19 fi jaarsa ganna 63 fa. Prezdaatnii Chiilee,Prezdaantii Boliviyaa,maatii namii isaanii boolla albuudaa ykn boseettoo keessatti maffamee fi nama hedduutti jara nagaan bahe kana simachuutti jira.Nama 33 keessaa tokkicha Booliviyaa malee kaan cuftii nama Chiilee ti.
Seenaa addunyaatti jarii albuuda baasu ji’a lama caalaa lafa jalatti meetira dhibba hedduu gadittii lafii itti gadi cittee nagaan bahe hin jiru.