Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Karaa Nagaan Sagalee Isaa Dhageessisuu Isaaf Ajjeefamuu Hin Qabu


Laslii Riid
Laslii Riid

Har’a sadarkaa addunyaatti kabajamee kan oole “Guyyaa Namoomaa Kan Addunyaa” sababii gochuun Finfinnee keessatti qophii gaggeeffame irratti mootummaa fi kanneen daandiilee irratti hiriiran karaa nagaan akka dubbatan akkasumas wal dhaggeffataniif Jaarmayaa misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytiid Istees Finfinnee jiruuf Daayreektera kan ta’an Laslii Riid dubbatan.

Torbanneen dhiyeenya kanaa keessa uummanni Itiyoophiyaa keessaa sagaleen keenya haa dhaga’amu jechuu isaa argineerra jedhanii garuu, namoonni karaa nagaan yaada ibsuu isaaniif gonkumaa ajjefamuu hin qaban jedhan.

Biyyoota, amantii fi duddubbee adda addaa irraa kan walitti dhufnee ta’uus waa’een namummaa keenya waan qooddannu qabna kan jedhan Riid mata-dureen ayyana baranaas “Namuummaa tokko, Itti gaafatama tokko” kan jedhameefis kanumaaf jedhu.

Kunis yaada walii akka dhaggeeffannu kanneen deggersa fedhan akka gargaarru, walii keenya wal dhaggefachuu akka qabnu nu hubachiisa jedhan.

Yaada wal dhaggeefachuu jedhu kana irraa ka’uun Itiyoophiyaa keessatti bakkawwan adda addaatti hiriirawwan gaggeeffaman maqaa dhahan.

Namni Karaa Nagaan Sagalee Isaa Dhageessisuu Isaaf Ajjeefamuu Hin Qabu
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:04 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG