Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lichoo Hayyuu Booranaa Xaliyanii Boorana Lolee Fudhatee Roomittiin Galate Qabeenna Biyyaati Barbaadanii Galchuu Malan Jedha Kitaabii Abuuruu


Jaatanii Bonayyaa:Qabeenna,jabeennaa fi qarooma keenna biyyaan walti naqachuuf Abuuruu barreesse

"Qabeenna,jabeenna fi Qarooma keenna biyyaan walti naqachuuf Kitaaba Abuuruu Barreesse"
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:56 0:00

Abuuruun,barbaada(exploration)hiikaa akka akkaa qaba:Abuuruu Kinniisa barbaadaniin,saroobbinna.Yoo nyaapha ufi dura barbaadan,dooyyaa.Marraa fi bisaan barbaaduufillee sarboonna jechuu dandeenna.

"Qabeenna,jabeennaa fi qarooma keenna biyyaan walti naqachuuf kitaaba kana barreesse"
"Qabeenna,jabeennaa fi qarooma keenna biyyaan walti naqachuuf kitaaba kana barreesse"

Kitaabii Abuuruu seenaa Booranaa bara 1600 irraa jalaqabe.Abbaan Gadaa Booranaa bara sunii 23essoon, Indhaalee Dooyyoo Boruu.Indhaaleen kun nama dhiira koromtoo jabduu qabu,abbaa malaa,nama akka raagaa wa himullee.

Jaarroleen abuuruu yaatu ka kitaabii kun irraa ka’e waan hedduu barbaada yaate. Barbaada ykn saroobbinna kanallee fardoon barbaada yaate.

Nama 12 tahanii sadii sadiin wal qoodanii dabran.Barii kun 1630-1640.

Qola kitaaba Abuuruu

Kitaabi kun qolii gubbaa kaartaa addunyaa qaba,lafa Booranaatti keessaan mullata. Jaarrolee fardaan abuuruu yaatu, Booqee Sooodaa, Simphiree lafauma Booranaa jirtu faatti keessaan mullata.

Qolii isaa dudda duubaan:Bal’inna lafa Booranaa ykn Borana Kingdom jedhanii irratti kaasan.Laftii sun ta amma Keenyaa fi Soomalii jidduutti kutan.

Warrii fardaan abuuruu yaa’u cuftii ardaa Booranaa Gaayoo(Dirree) ka’e.Waan hedduu barbaada yaa’an.Daarii lafa Booranaa,ardaa qubsuma isaa, qabeenna lafa isaatii fi waan hedduu barbaada yaa’an.Waan Xaliyaanii lola Dhukkee Iigootti Boorana tolchee fi waan hedduu qoratan.

Jarii cuftii Gaayoo ka’ee gama afur gargar yaa’ee Metekkle,Keenyaa-Bisaan-Maanyaa, Raayyaa fi fulaa hedduu gahe.

Abuuruu gama Bitaa ykn Kibbaa:Jarii kun Miyoo Ardaa jilaatii ka’ee, Goorile, Golboo,Miyoo,Diida Galgaluu, Saaku, Waasoo,Mombaasaa ykn Bisaan Maanyaatti dabre.

Warrii gama Ila Boruu,gama Bahaa yaa’e: Gaayoo ka’ee,Dhaasi fi Goorilee jidu yaa’ee odaa borboriitiin Daawwitii borbori laale.Gaara Qaanjibboo gahee,Goofaa Laheeyi,Cillaqoo,Qadaddumatti dabre haga Malkaa-Marii gahe.

Abuuruun gama Mirga ykn Kaaba,Kaaba:Jarilleen Gaayoo ka’ee,Hiigo irra yaa’ee, Dhukkee Hiigootti goree Lichoo Hayyuu Booranaa Guyyoo Galgaloo iyyaaftee,aanolee Tulaa Weebi keessa yaa’ee,badda Areeroo gahee Simphirree ardaa Booranaa malee hin jirree, Turaakoo argee Malkaa Mana Waaqaattti dabre.

Achii ammo Galaaa Daawwaa taakkee gama Liibaniitti qabate.Gannaale Qaxxaamuree Tulluu-Nama-Duriitti Oromoo bal’oon walti dhufee Finfinneetti dabree ardaa Oromoo cufa abuure.

Jarii Ila Galchuu,gama Dhihaa: Gaayoo ka’ee Booqee soodda abuuree, booqee kulaa laalee,Madhachoon Tullaa Fardaatti oli qabatee karaa baddaa Gaamaduu deebi’e.Achii ammo Booqee Magaadootti gadi bu’e. Foroolee-Golboo jala deebi’ee Booqee Dilloo fi Goorrahi abuuranii karaa dukkannaa,ka Looyan Galaanii galaana Booyitti dabran.

Abbaan Gadaa Booranaa bara sunii,Indhaalee Dooyyoo warra abuuruu yaa’e suniin waan argitan milikeeffadhaa ardaa geettan hin wallaalinaa jedha.

Jaarroleen frdoo guurrattee Abuuru yaate maan agartee,Jarii yaa’e maan maan arge?

  • Fulaa tokkotti Goljaa Hoolaa hodhu arge.
  • Harree lafa adaalaa ykn qolqola,lafa goggodduu keessa jirtu ta gabbinna chochoo dadahbde arge
  • Eela sadii ka wal bira jiru lama walti yaa’aa ka jidduu jiru ammo goggagaa arge.
  • Jarii dhibiin ammo farda lafa akka malee marra qabdu keessa ciisu ka ufii ammo huqqatee ka’uu dadhabe arge

Abbaa Gadaa Indhaalee Doyyoo gaafataniin jennaan jireenna namii keenna itti yaa’u agarsiisaa jedhe jedhan.

Jaatanii Bonayyaa qorannoo kitaaba kanaatiin diqqaattulee waan Xaliyaanii lola bara 1902 keessa lola Dhukkee-Hiigoo irratti Boorana tolche jedhellee jaarrolee irraa dhagahe jedhe qorate.

Bara sunitti Xaliyaanii Boorana hadhee dabsatee nadheenii fi ijoollee guurratee Lichoo Hayyuu Booranaa,Guyyoo Galgaloo irraa fudhatee Roomittiin galatan dhagahe jedha.

Akkuma soodduu Aksuumillee qabeenna biyyaa jedhanii barbaadanii galchan “Licho Hayyuu Booranaallee,qabeenna abbaa qabuu,barbaaduu malan,” jedha.

Jaatanii Bonayyaa “qabeenna,faaya,jabeenna keenna biyyaan walti dablachuuf waan keenna barreeffachu mallee warra barreessullee jabeessuu mallee,” jedha.

Jaataniin yuniversitii Finfinneetti Injineeringiin digrii lammeessoo barata.Kitaaba Abuuruu manneen kitaaba Oromoo Booranaa haga Wallaggaa jiran keessatti argatan jedha.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG